KITAABNI AFAAN INGILISIITIIN BARREFFAME MAXXANFAMAA JIRA

Kitaabni jireenya waggoota shantamaa (50) ungulaalu maxxanfamaa jira. Kitaabni Afaan Ingilisiitiin barreffame kun dhimmoota garaagaraa mataduree 100 kessatti qabatee jira. Dhimmootni matadurelee kunneenii bifa gaggabaaboo dhaan barreffaman (miiltoo lameen ilaali). Barreffamoonni akkasitti qopheffaman kunneen Afaan Ingilisii gara hawaasa Oromootti kan fidedha. Dhimmootni irra guddeessi irratti xiyyeffataman Oromiyaa fi Oromoo calaqqisu. 

Kitaabichi Afaan Ingilisii gara hawaasaatti kan fide dhimmoota guyya guyyaa dhiheessuudhaani. Waliin jireenyi hawaasaa bifa ifaa ta’een seenaa sana keessatti ibsamaniiru. Umamni naannoo uumama kanneen akka mukaa baalaa, lageenii, bineensota, beeyiladoota, martinuu jiraachuuf dhama’uun garuu immoo walii wajjin jiraachuun haala gahaa ta’een ibsamaniiru. 

Caalmaatti immoo Afaan Ingilisii bifa sirrii ta’ee fi bareedaa dhaan barreffame. Kunis kitaabicha sadarkaa kitaabilee gaarii (Good Books) jedhaman keessatti argamanii taasisuu danda’a. Haalli kun immoo kitaabichi manneen barnoota olaanoo keessatti Afaanichi akka xiyyeffannoo argatu gochuu danda’a. Akkuma beekamu Afaan Ingilisii biyya kana keessatti waggoota baayyeef gadi bu’aa dhufee jira. Kitaabichi Koolejoota keessatti adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti barattootaa fi barsiitota ni fayyada. Mee gaafa kitaabichi maxxaanfamee as ba’u (Amajjii/January 11, 2020) Galma Giddugala Aadaa Oromootti irratti haa mariyannu. 

Eebba kitaabichaa irratti argamaa naa ho’isaa!

Taaddalaa Tafarraa Dhaaba

Jireenya Laafaaroga faallaa

Jireenyi Laafaan hawwii nama hundaa ‘fakkaata’. ‘Fakkaata’ kan jedhu jecha sirrii dha; sababni isaa namni martinuu jireenya keessatti yaadrimee laafina jireenyaa jedhu jaallachuu isaa/ishee hin beeknu. Hojii bifa bareedaa fi haaraa ta’een hojjechuu namoota kalaqaa fi haaromsa beekan biratti ni jaallatama. Yoo hojiin hamaan bifa haaraa dhaan akka laaffatu gochuun danda’ame warri hubachuu hin dandeenye isa laaffifame sana jaallachuu hin danda’ani. Sababa kanaaf ‘Jireenya Laafaa’ hubachuuf fakkeenya dhiheessuun barbaachisaa ta’a. Gama birootiin immoo jireenyi laafaan miidhaas ni qabaata. 

Kumpiyutarri an barreffama kana qopheessuuf itti fayyadame fakkeenya kalaqaa ti. Sirna barreffamaa isa duraa isa arsama, nuffisiisaa fi dadhabsiisaa ta’e fooyyessuuf fayyade. Meeshaan ittiin barreessan inni duraa (typewriter) yeroo isaatti harkaan barressuu manna fooyyee qabaatu illee dogoggora xiqqoof jecha irra deebi’amee barreessuuf nama dirqisiisa ture. Kompiyutarri garuu bu’aa ajaa’ibaa hojii keenya irratti nu argamsiiseera. Yeroo gabaabaa keessatti bu’aa hojii baayyee kan qulqullina qabu nu argamsiisa. Kompiyutarri haala akkasiitiin hojiidhaan jiruu fi jireenya keenya akka fooyyeffannutti nuu gumaacha.

Fooyyeen kun jiraatu illee dhaloota dargaggoo fi shamarree keessaa warri fooyyee kana ija jaalalaa tiin hin ilaalle jiru; ifaajee/dhamaatii dhalootni darbe fooyyee kana fiduuf galmeesse hin faarsani. Sababa fooyyee argame kanaa qofaaf gama ofiitiin hojii qulqulluu (fakkeenyaaf barreeffama qulqullina qabu) osoo hin gumaachin bu’aa isaaf/isiif hin malle argachuuf nafaa’uu hin barbaachisu. 

Fakkeenyaaf gama qunnamtii tiin fooyyee argamsiisuun dhimmoota adda addaa kanneen akka informeeshinii daddafanii erguu fi fudhachuutiif baayyee gaarii dha. Hanga dhiheenya kanaatti qunnamtiin gama bilbilaa tiin ture quubsaa hin turre. Har’a bilbilli (telefoonni) keessumaa mobaayilli namoota fageenya dheera irra jiran walitti fiduu dhaan dadhabbii imalaan wal arguu hambisee haalaan fooyyee argamsiiseera. (News of the passingilaalaa). 

Jireenyi laafaan bu’aa ifaajee kalaqaa tiin argameetti gammaduun waanuma jiru waan ta’eef nu hin falmisiisu. Ta’u illee jireenya laafaa akkasii hawwuuf jecha bu’aa mullataa jiru tokko itti cichuuf jennee kaachuun fudhata hin qabaatu. Sadarkaa jireenya laafaa irra gahuuf hojjechuu tu nu irraa eegama; yoos bu’aa keenya jennee marafanna. 

Mee daa’imni tokko maatii dureessa keessatti dalate haa jennu. Daa’imni kun kunuunsa gaariin guddatee sadarkaa ga’eessumma gaha. Haa ta’u malee qabeenyaa fi carraa maatii isaa qofaan jiraachuu itti fufa. Qabeenyi fi carraan uumame sun akka salphaatti waan hin dhumatneef jireenya laafaa sana ittuma fufa. Kana jechuun ofiin of danda’uuf carraaquu dhiisa jechuu dha. Haalli akkasii bifa waliigalaa keessatti cam-caraqii hin qabaatu (mi’aayina hin qabaatu). Jireenyi laafaan akkasii gara badii fi yeroo hojiif malu qisaasuutti nama geessa. Of irratti badii araada miidhaa fiduu, daagummaa (laziness), maal na dhibdee, namaa qooduu/yaaduu hafuu fi jaalalaaf bakka dhabuutti (loss of passion and not appreciative) nama geessa.  Haala akkasii keessatti namaa fi bineensa ykn beyilada adda baasuun hin jiraatu. 

Jireenyi laafaan silaa hujii keenya kallattii irratti bobbaanetti bareechinee hujuu qabaannu callisnee teenyee osoo gumaata ofii hin qabaatin bu’aa namoota birootiin jiraachuuf dhiibamuuf sababa ta’uu hin qabu ykn badii kamiifuu gaafatamuuf karaa banuu hin qabaatu. Maatileen dureessi tokko tokko qabeenya isaanii ilmaanitti dabarsuu dhiisuuf sababni guddaan tokko kana ta’uu qaba. 

Itti-gala dubbii: Yeroo jireenya laafaa hawwinu ofiifis ta’e warra biroof gahee keenya gumaachuuf haala nu dandeessisu yaaduu qabna. Laafinni jireenyaa sababa qabeenya qabaanneef qofa bifa callisnee teenyee yeroo dabarsuu tiin ilaalamuu hin qabaatu. Hunda caalaatti kan jiraannu ofiif qofa osoo hin taane warra birootiifis ni jiraanna: Maatiif itti gaafatama fudhanna; hawaasa keessa jiraannuuf itti gaafatama fudhanna; akkasumas hawaasa koo ti kan jennuu fi badhaadhina kan hawwinuufiif waan gaarii/misha hojjechuu qabna. Kun yeroo jireenya keenya ardii kanaa irrattii bu’aa fidni keessaa isa tokko ta’uu qaba. (Amajjii 20, 2017)

Mucicha Akkoon reeban 

Gama ana tiksuutiin Akkoon qoosaa hin beekan; yeroo sanatti an maatii keessatti ilma tokkichan ture. An ilma isaaniif mucaa angafan ture. Akkoon ilmaan lama du’aaf dhabuu natti himaa turani; isaan keessaa tokko angafa abbaa koo turan. Isaan angafaa jabaa fi hojii kan jaallatu yoo ta’an isaan quxisuun immoo beekaa turani. Akka Akkoon natti himanitti Abbaan koo gama lameeniinuu “hir’ina” qaba. Lameenuu dhibee Akkoon hin beekneen darbani. Yeroo baayyee haala ilmaan isaanii kana ilaallatu dubbataa turani. Ta’us yeroo hundumaa Waaqa galata galfataa turani. Yeroo baayyee, “Waaqayyo cabsee dhidhiiba!” jedhu turan. 

Gaafa tokko naannoo mana keenya osoon jiruu gurbaan umriin na caalu tokko bakka Akkoon jiranutti na reebuuf quqummaadaa ture. Yeroo nuti wal arrabsinu Akkoon dhagaa’an! Osoo waa tokko hin xiixin gara kootti dhihaatan yoo inni na rukute na irraa dhorkuuf. Yeroo isaan gara kootti dhihaatan inni immoo manaa fi oogdii gidduutti na bira gaheera. 

Akkuma tasaa hoffaa boqqolloo lafaa fudhatanii mucicha gara mataa isaa irraa jalqabanii daddafanii irra deddeebi’anii rurrukutani. Reebicha isaanii kana keessatti hoffaan morma mucichaatti maramee aanca’e. Rukutuuf yeroo isaan harkisan mucichi harkifamee lafa dhahe!

Tarkaanfii battalaa sanaa keessatti qaamuun hoffaa morma mucichaa mureera ta’a. Sodaa isatti dhagahame irraan kan ka’e daafee haala abdii kutannaatiin ol ka’e; gara qarmitti achi baqate; akkasumas boo’aa jaartii arrabsuutti ka’e. Akkoon waan garaa isaanii hojjetaniiru waan ta’eef deebii tokko illee hin kennineef. Tarkaanfiin isaan akkuma calaqqee batii tokkotti raawwate. Miirri yeroo sanaa garuu hanga ammaa sammuu koo keessatti lafa qabataee jira. 

Itti-gala dubbii: Akkoon sababa mucichi bakka isaan jiranitti na doorsisuu isaatti baayyee aaranii turan jechuu dha. Aadaa Oromoo keessatti maanguddoon kabaja guddaa qabu; bakka isaan jiranitti namni nama hin doorsisu ykn nama gara isaaniitti baqate hin rukutu ykn namni gara isaaniitti baqatus na irraa dhorku jedhee abdii uummata. Sareen illee gara maanguddootti yoo dheessite akka hin rukutamnetti tika qabaatti. 

Fakkeenya bar tokkoo: Seenaa dheeraa darbe keessatti Arsii keessatti Aanaa Siraaroo bakka Shaallaa jedhamutti namootni bineensa adamsuuf ba’an bosonuu ari’anii bosonuun sun moonaa mana lammii aadaa/duudhaa biyyaa tiksan tokkoo keessa seene. Warri adamsaa turanis bakka inni dhokate sana gahanii ajjeessani. Abbaa mana sanaa ni aarani; namicha bosonuus sana ajjeeses ni ajjeesan! Dhimmichi Abbaa Gadaa naannichaaf dhihaate. Yeroo dhimmichi gama seeraan ilaalamutti Abbaan Seeraa Aadaa naannichaa murtii kenneen tarkaanfiin abbaan manichaa fudhatan seera qabeessa jedhe. Abbaan Gadaa murtii kenneen namas ta’e wanti fedhe lubbuu hambifachuuf yeroo namatti dheessu ajjeechaan irratti raawwatamuu hin qabaatu jedhe. (Maddi Alamaayyo Diiroo). Dhugaa dubbachuuf namni nama ajjeesse illee yoo gara Abbaa Gadaatti dheesse tarkaanfiin gadoo/haaloo irratti hin fudhatamu! (Wondimu Ibsaa, Abukaatoo, Hagayya 17, 2019, OBS)

Shochii diddaa ummata Oromoo dhiheenya kanaa keessatti (Sadaasa 2015 irraa jalqabee) qonnaan bulaan Harargee tokko foolisii mucicha itti dheesse tokko rukutuuf  itti deeme mancaa dhaan mataa irraa kutuu dhageenye. Oduun taatee kanaa torban lama sadiif irra deddeebi’ee dubbatamaa ture. (Caamsaa 25, 2015) 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s