
Ilmi namaa hundi uumaan nama tahuu isaanii, akkasumas mirgoota walqixaafi adda qoodamu hindandeenye kan qabaatan tahuu isaanii beekanii fudhachuun bilisummaa, haqaafi nageenya addunyaatiif bu’ura waan ta’eef;
Mirgoota namoomaa dhimmu dhisuuni fi tuffachuun hojii hammenyummaa sammuu ilma namaa cinqee waan fideefi, fedhiin guddaan namootaa addunyaa ilmi namaa hundi bilisumma haasawaafi amantii itti gonfatan akkasumas sodaafi rakkoo keessaa bilisummaa itti bahan uumuudha jedhamee waan labsameef;
Sirna bulchiinsa cunqursaa fi hacuuccaa dhabamsiisuuf namoonni filmaata isa maayii godhatanii fudhachuuf akka hin dirqamne mirgoonni namoomaa seeraan akka kabajaman gochuun barbaachisaa waan ta’eef;
Biyyootaafi ummatoota gidduutti walitti dhufeenyi obbolummaa akka babal’atu gochuun barbaachisaa waan ta’eef;
Ummattoonni Biyyoota Miseensa Motummoota Gamtoomanii mirgoota bu’uraawoo dhala namoomaa irratti, kabajaafi ulfina ilma namaatiif dhiiraafi dhalaan mirga walqixaa kan qaban tahuu amantaa isaanii ciminaan keessa deebi’anii waan mirkaneessaniifii jireenya hawaasummaatiifi sadarkaa jiruu fooyyoftee haala bilisummaa baldhina qabuun tarkaanfachiisuuf waan murteessaniif
Mootummoota Gamtooman waliin tahuun biyyoonni miseensotaaa hundi mirgoonni dhala namoomaatiifi bilisummaawawan bu’uraawaoon guutuu addunyaa keessatti akka kabajamaniifi hojiirra akka oolan gochuuf waadaa waan seenaniif;
Waadaan kun guutummaa guutuutti akka galma gahuuf waa’ee mirgoota fi bilisummaawwan kanneeniitiifi hubannoon walfakkaataan akka jiraatu taasisuun baayyee barbaachisaa waan ta’eef;
Tokko tokkoon namaatiifi tokkoon tokkoon kutaa hawaasaa Labsii kana yeroo hunda yaadachuudhaan barsiisuudhaaniifi beekuudhaan mirgoonni fi bilisummaawwan kunneen akka kabajaman biyya keessaafi sadarkaa idil addunyaattiis akka beekamaniifi hojiirra akka oolan; Biyyoota Miseensotaas ta’ee kutaalee to’annoo isaanii jala jiran keessa ummattoota jiraatan biratti sadarkaa sadarkaan akka beekamaniifi hojiitti akka hiikaman tattaaffii akka godhu;
Yaa’iin Waliigala Mootummoota Gamtoomanii Labsii Mirgoota Namooma Guutu Addunyaa kana biyyootaafi ummattoota hundaaf qajeelfama gamtaa akka tahu labseera.
Keewwata – 1
Namoonni hundi uumamaan kabajaafi mirgoota walqixaa qabaatanii bilisa tahaniiti uumaman. Dandeettii yaaduutiifii dubbii walbira qabanii madaaluu uumamaan waan argataniif akka obboleeyyaniitti wal ilaaluutu irra jiraata.
Keewwata – 2
Namoonni hundi, sanyiin, bifaan, qooqaan, amantiidhaan, siyaasaan ykn yaada birootiin, madda hawaasummaatiin, qabeenyaan, dhalootaan ykn sababa ejjannoo birootiin garaagarummaan tokkolleen osoo hin taasifamne mirgootaafi bilisummaawwan Labsii kana keessatti eeramanitti fayyadamuuf mirga qaba.
Kana malees, namni tokko, biyya bilisa taate ykn biyya bulchiinsi imaanaa itti kennameen bulaa jirtu jala ykn biyya bilisa hin tahin ykn biyya birmadummaan isii daangeeffame keessa jiraata jechuudhaan aangoon naannoo, kutaa, siyaasaa biyya isaa, ykn ejjannoo idil addunyummaa isaa sababeeffachuudhaan garaagarummaan tokkollee irratti hin godhamu.
Itti fuffaa……..