UUmamaan si tolchee
Ardii Oromtichaa
Addaa si taasisee
Duudhaa saba keetiif
Kaasee sidhaabsisee
Lafa seenaa qabdu
Magariisa uwwisee
Yoo rakkoo kaleessaa
Seenas wal gaafatee
Madda waliif ibsaa
Lammiin iyyaafata
Innoo maqaa qaba
Duudhaa yoom dagata?
Nimoona curraa