Yaadannoon mana baruumsa handhuura Finfinnee nannoo charchir jiru,kan maqaa Lisee G/ Mariyam mogga’e kan eenyuu akka ta’e beektu? Nannoo harar keessa illee maqaan dandii tokkoo maqaa kanaan mogga’ee jira. Mee goota kaanaan wal baraa.
Maqaan isaa inni maatiin isaa baasaniif Gameessaa Gaarii jedhama,kan dhalate nannoo kibbaa lixa shaawattia bara 1866 tti abba isaani obbo Gaarii Godaanaa fi haadha isaani addee Looti Guute irraa dhalate.
Dajasmach Gaariin Abba Nafso waliin ijoolle nannoo tokko turan. Maqaan isaani bara durii sanatti gara Gabramariyamitti jijjirame. Yeroo umuriin isaa 22 gara waranna Aduwwaa deemun ogummaa waranaa isaani guyyaa tokkootti diina isaani mo’achuun ajajaa duraa ta’uun hojjatan.
Bara 1922 tti Gaameessan tayiita dajmasmach jedhamu dabalataan argachuun kara baha biyyattitti itti gaaffatamaa waranaa ta’uun muudaman. Wagga afurtama booda yeroo Xaliyaanin meesha ammayawwa qabatte dhuftu isaan umuriin isaani 62 ture. Yeroo kanattis osoo harka hin kennin baha biyyatti hanga nannoo dhaloota isaani ga’anii obboleesa isaani nagaa itti dhmmatanii akka biyyaa isaanif jecha jiraacha turanii fi amma immoo cidha isaani akka ta’e dubbatan. Yeroo sanatti waraaana dinni isaani itti baneef rukutamuun boqochuu dhuma bara jireenya isaani ture.