Kun wanta har’a umaamu miti, halkan tokkotti waanta ta’u miti,tarii torbee kana keessattii wanta uumamu miti.
Wantonni mul’ata keeti, namummaan atii ta’uuf barbaaddu fi wantonni hojjachuuf barbaaddu hunda isaani jiru, garuu, tarii galmaan ga’uuf yeroo dheera fudhachuu danda’u.
Wantonni hundi adeemsa keessa akka raawwataman hubachuu qabda. Mul’anni kee akka galma siif ga’uuf, namumma yaaddu sana akka qabaattu fi wantota yaaddu hunda galmaan ga’uuf , kayyoon kee akka galma ga’uu tokkicha hubannan haala kamiyyuu keessatti fulduratti deemun siif ta’a.
Yeroo keessatti mul’anni jijjiramuu mala, namummaan ati barbaddus jijjiramu mala, akkasumas dandeettin kees jijjiruuf yaadda ta’a.
Akka tasaa, tarii irraa deebiin hunda isaa jalqabda ta’a. Sababa jijjiramni jireenya keenya keessatti dhabbatan dhufaa deemuf, nutiis haalota waliin of qophessuun adeemsa keenya itti fufuu qabna.
Irraa deebin jalqabuun ykn yoo xiqqaate ilaalcha keenya jijjiira. Qooda isa jijjirama hin dhabbanne hordofuu dha.
Akka dogoggora hin hojjanne hubadhu. Biqiltuun dursee dhabbateera. Kayyoon kee galma ga’uuf tarii hanga ati yaadde olitti turuu danda’a. Haata’u malee yoo wa’ee adeemsa hubateerta ta’e ammas adeemsa sirri irraa jirta.
Kana immoo adeemsa jijjirama waliin walqabatee dhufuu fudhachuu qabda.
Guddinni fi kayyoon isaa yeroo walitti dhufanitti waanta duubatti hin deebine ta’uu isaani hubachuu qabda.