GABRUMMAA GARA GIIFTUMMAA

Ummata hedduu biratti keessattu ummata Oromoo biratti seenaa intala Oromoo tokko jaarra 19ffaa keessatti akka gabratti biyyaa Jaarmanii kan geefamteetu dubbatama. Seenan kunii namoota hedduu biratii dhageetii guddaa qabaatus, kanneen seenaan kun dhugaa ta’usaa kan shakkan baayye dha. Nutiis gama keenyaan seenaa kana qulqulleessuf qorannoo taasifneetu jira. Barruu keenya kan har’aatis qorannoo waa’e intala Oromoo kana ilaalchisne wantoota hanga yoona hin baramne isiniif qindeessu yaalla.

Duraan dursinee seenaan kun dhugaa ta’usaa jalqabarratti isiin beeksisuu barbaanna. Bara 1837 A.L.A sirna bulchiinsa mooti Mohammad Alii keessatti, biyyaa Masriitti gabaa gabroota magaala Kaayirootti gaggeefamaa ture. Bara kana keessa ilma warra mooti lammii Jarman kan ta’e Hermann Von Paklar kan jedhamu dhaawwannaaf biyyaa Masrii deeme ture. Magaala kaayiroo gabaa gabroota keessa utuu imalaa jiru, shamarree bareeddu tokko arge. Bareedina shamarree kana dinqisiifate yeroo dhuma kanatti akka ishee bitu dirqame. Kitaaba maxxansaa 9ffaa yaadannoosa keessatti, Hermann akka barreesutti, “shamarree kana gabroota biroorra adda kan taasise isheen uffata aada biyya naanno itti dhalattee fi faaya adda adda qaamashee irratti arge. Kuniis akka isheen reefu gabaarratti fidan agarsiisa. Gabrootni baayye yeroon isaan gabaa irra oolan uffata naanno isaan ittiin dhufan hin qaban. Gabrootni haara fi gabrootni moofa haala kanaan addan baasani ilaalan.” Shamarreen bareedduu kuniis maqaan gabaa kana keessatti ittiin beekamtu Ajjimee jedhamtuus, kan isheen itti moggaafamte Mahbuuba (ﻣﺤﺒﻮﺑﺔ) jedhamti. Hiiqaan maqaa kana warri gaafatan yoo jiraate, Afaan Oromootin Jaalatamtuu jechuu dha.

Gabaa Gabroota Magaala Kaayiro bara (1812 – 1842)

Akkaata intalli Oromoo kuni gabaa gabroota kana keessa galuu dandeesse gaafi namoota hedduu ta’u danda’a. Seenaa Mahbuuba akka qoratameetti akkasumas akka isheen dubbateetti. Yeroo isheen waggaa saddeet turte sanatti naanno isheen itti dhalattee sana jeequmsaatu ture, jeequmsa kana keessatti obboleewwan ishee kan dhiira fi abban ishii akkasumas manni isaani ibiddaan kan gubame ija ishiitin raga baate. Yeroo kanattii Mahbuuba fi obboleetti ishii harka daldaloota gabroota jala seenan. Daldalootni kuniis Mahbuuba fi obboleetti ishii gara magaala Gondar Kaaba Ixoophiyaatti imalchiisan. Achittii gabaa gabrootaatu ture. Gabrootni naannolee Kibbaa biyyaatti irra fidan hunduu magaala Gondariirra gara Suudanitti geefamaa turan. Sudaan irra immo gara Biyyaa Masriitti kanneen geefaman keessa Mahbuuban ishee tokko dha. Imala kana gidduutti iddoon obboleetti ishii baddee beeku baatus yeroo sanatti Oromoota hedduu yookan immo warrootni Afaan ishii beeku hedduu wajjiin turte. Jaarra 19ffa keessatti gabrootni biyyaa Ixoophiyaarra dhufan lakkoofsan gara kuma diigdami shan (25,000) tilmaamama, hedduunsaani kibbaa biyyattiirra fidan. Kanneen keessa Oromootatuu baayyata. Warroota asirra biyoota Awroopa, fi Hindiitti kanneen gurguraman baayye dha.

Biyyaa Masriitti, Hermann erga Mahbuuba bitate booda ishee waliin biyyoota garaagara deeme. Yeroo kanatti Mahbuuban umrii wagga 10 – 12 gidduu taatus, bilchina sammuu fi akkaata amala ishii yoo ilaalan nama hojjaan madaalamuu mitii. Kanarra kan ka’e, Hermann jaalala Mahbuubatin booji’ame. Biyyaa Jarmaniitti haadha manasaa wajiin wal yaa hiikani iyyuu, Mahbuuba wajjiin akka niitii lammaffaa walii-wajjiin jiraata ture. Adeemsa isaa keessatti biyyyoota kannen akka Felestiin, Suuriya, fi Istanbuul(Turkii), Mahbuuba wajjiin deeme. Biyyoota kana keessa intala kana qabatee wajjiin deemu waan sodaatef, uffata loltuu dhiira uffisee wajjiin deema ture.

Mahbuuba uffata loltuu dhiira yeemmu uffattu. Bara 1837 A.L.A

Yeroo jarri Awroopha seenan, turtii yeroo muraasa booda Magaala Budapest biyyaa Hangarii keessatti Mahbuuban cuuphamte turte. Achirra immo magaala Viyeena biyyaa Awustriyaa seenan. Ilmii warra mooti Hermann Von Puckler kuni Mahbuubaan qondaalota ol’aanotin wajiin barsiisu yaale. Ilaalcha qondaalota kana waan sodaatef, “isheen intala Mooti biyya Absiniyaa dha guddifachuuf biyya kana fidee”, jechuu dhan ummata goyyoomse. Mahbuuban akka aada fi afaan biyyattii barattuu mana barnoota magaala Viyeena sanatti galche. Hawwii afaani waan qabduuf ji’oota muraasa keessatti afaan Itaalii barachuu fi dubbachuu dandeesse.

Turtii muraasa booda biyyaa Awustriyaarra gara biyya Jarmanitti imalanii deeman. Biyya Awustriyaatti kabajaa dhaan haa jiraatan iyyuu, biyyaa Jarmaniitti garuu Hermann intala gurraacha jaalachuunsaa baayyee kan qeeqama ture. Keessattu haada mana Hermann kan durii, Mahbuuba akka biyyaa Jarman hin seenne barbaada turte. Isheen masara mooti seenuun safuu biyyatti cabsuu dha akka ta’e ilaalama ture. Ilmi warra mooti kuni immo tasuma ilaalcha namoota fi qeeqni inni argataa ture jaalala inni Mahbuubaf qabu dabalaa dhufe malee hin hir’anne. Haati mana Hermann kan durii utuu qeeqtu jaalala isaani kanarratti hinaafte harka kennattee dhiifte.

Bara 1840, Mahbuuban biyyaa Jarmanii erga seente booda nama Oromoo kan akka ishee harka gabrootan gurgurame tokkoon wal barte. Nama Oolshu Aaga kan jedhamuun erga wal baranii booda maqaan ishii kan warri ishii itti moggaafte Bilillee ta’u ishii Oolshuutti himatte. Iddoo isheen iitti dhalattee ofbarte immo Gumaa(Jimmaa) jedhamti jettees himatte. Yeroo kanatti Oolshuun weedduulle garagaraa fi Seenaa tokko tokko Bililleerra barreesse galmeesse. 

Masara warra mooti Puckler. Bililleen Masara kana keessatti Bara 1840 boqatte.

Ji’a Hagayaa, baruma 1840 Bililleen dhukkuba sombaatin qabamtee turte. Masara warra mooti Hermann keessatti doktorrii akka fayyaa ishii ilaalu qacarame ture. Yeroo sanattii Hermann dhimmi dhuunfaaf magaala Berliin deemus yeroo yeroo dhan odeefannoo waa’e Bilillee doktorichaarra argataa ture. Ta’us garuu tajaajila yaala utuu argataa jirtu Onkololeessa guyyaa 27, sa’aati 6 waare booda, Bililleen masara warra mootii Puckler keessatti boqatte adunyaa kanarra adeemte. Yeroo sanatti waggaa 16 turte.

Iddoo Awwaalcha Bilillee. Biyyaa Jarman magaala Muska’uutti argama

Bililleen lubbuu dhan dabartuus seenaan ishee hamma yoonatti onnee Oromoota hedduu keessatti hafe. Iddoo awwaalcha Bilillee magaala Muska’u biyyaa Jarmaniitti argama. Bakkee awaalcha ishii waggaa waggaan namoota dhaawwanna akkasumas seenaa ishii dubbisuuf muuziyaami taasifameera. Oromootni biyyaa Jarmanii jirtan seenaa Bilillee guutuma guututti muuziyaami Puckler kan jedhamu dhaawwachuu dandeessan. Barruuwwan garagaraa akkasumas xalayoota bara sana barreefame hunda achitti dubbisuu dandeessan. Marsariiti ykn websayitii isaani http://www.pueckler-museum.de/ seentanii ilaalu dandeessu.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s