Waantota dinqisiisoo

Sattawwaan sa’atii 24 keessattii daqiiqaa 5 hangaa 30 qofa ciifti.Lakkofsa 40 yoo afaan Ingiliziin barreesitan, qubeen hundi isaan tartiita eegun barreeffamu, ( FORTY), kun lakkofsa hunda irraa adda isa godha.Addunya kana keessatti biyyii dhugaatii Koka Kolla argachuu hin dandeenye biyya Kooriyaa kaaba fi Kubaa qofa.Biyyii Adduunya kana irraa namoota baay’ee dawwatamtuu biyya faransayitiBishaan baay’ee humna … Continue reading Waantota dinqisiisoo

Yeroo akkami qo’achuu jaallattu?

Barattootaf: Yeroo qo’annaaf garii dha jedhamee tilmaamamu:Halkan gara barii sa’atii 10:00 hangaa 12:00 sammuu namaa 100% hojiif qophii ta’a.Ganama sa’atii 12:00 hanga 1:30 sammuu nama 50% hojiif qophiidhaHalkan sammuun hojii 20% qofa qophii ta’a.Mee isiin waliin madaala ilaala!Siissiif maddaa Odeeffannoo ijoo!

KITAABNI AFAAN INGILISIITIIN BARREFFAME MAXXANFAMAA JIRA

Kitaabni jireenya waggoota shantamaa (50) ungulaalu maxxanfamaa jira. Kitaabni Afaan Ingilisiitiin barreffame kun dhimmoota garaagaraa mataduree 100 kessatti qabatee jira. Dhimmootni matadurelee kunneenii bifa gaggabaaboo dhaan barreffaman (miiltoo lameen ilaali). Barreffamoonni akkasitti qopheffaman kunneen Afaan Ingilisii gara hawaasa Oromootti kan fidedha. Dhimmootni irra guddeessi irratti xiyyeffataman Oromiyaa fi Oromoo calaqqisu.  Kitaabichi Afaan Ingilisii gara hawaasaatti … Continue reading KITAABNI AFAAN INGILISIITIIN BARREFFAME MAXXANFAMAA JIRA

SAFUU

Safuun seera miti Safuu maalf cabsituu Imaanaa abbootii Maalidhaaf dagattu Safuun iddoo qabdii  Qomoo koo keessaatti Fudhatamaas qaba  Waaqayyoon biratti Safuu maalf cabsitaa Dhiiroo akkanatti Sabni koo Oromoon  Safuu addaa qabaa Safuun oromoota Biyya kaminittuu Fudhatama qaba!!!