Makmaaksa Afaan oromoo

Hiikkan Makmaaksa kunnenii maali? Leenca humnaan roorrisu, qamaleen malaan ajjeefte.Lukkuun biyya hin qabdu, bakka bultu hin dhabdu.Maraattuufi sooressi akka argetti haasawa. Mucaan " nyaanyaa" jedhe osoo hin nyaatiin hin hafu.Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama. "Osoo wajjiin gallee hoolaa, walii qallee" jette jeedalli sareen.Ari'ii biyyaa baasii qabii itti hasaasi. Bareedina gurraachaafi dubbii gamnaa nama bira … Continue reading Makmaaksa Afaan oromoo

SEERA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO

Seera barreeffama Afaan Oromoo keessatti waantota dhorkaa ta'an Qubee dubbifamaas ta'e dubbachiiftuun barreeffama keessatti gosti tokko, lamaa ol ta'ee walitti aanee    barreeffamuu hinqabu. Hub. Yoo qubee dachaa ta'e malee. Akkasumas, dubbachiiftuun yoo hudhaan gidduu gale malee.Dubbachiistuun gosti lama walitti aanee barreeffamuu hin danda'u.(hudhaan gidduu galuu qaba) Bakka irra butaatti sagaleen jabaachuu hin danda'u. Fkn: … Continue reading SEERA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO

Waantota dinqisisoo

Ramoowwan tokko tokko yoo waan nyaatan dhaban qaama isaani ni nyaatu.Qorichii qusanaa maatiin namoonni fudhatan gorilla ille tajaajila walfakkataa kenna.Qusannoo Saantima $0.01 jalqabdee, guyyaa guyyatti  yoo dacha isaa itti dabalte waggaa 27 tti abba milliyonaa taata.Namoot addunyaa kana keessa jiraatan keessaa 50% bilbila fayyadamuu hin jalqabne.Akkuma ashaaran quba keenya  adda adda ta’e ashaaran arraba keenya … Continue reading Waantota dinqisisoo

Kolone Daraartu Tullu/ Kutaa tokkoffaa

Seenaa Kolonel Daraartu Tullu gabaabumatti ibsuun baay’e rakkisaa waan ta’eef, hanga danda’amaneti xiqqesinee isiif dhiyeesuuf yaalla. Sababiin isaa jabaa ofii abbadhumatuu faarfata waan ta’eef.  Daraartu kan dhalatte ganda baadiyaa Oromiyaa keessatti, nannawaa Boqojiitti. Nannawwan sun immoo akkuma beektan burqaa atileetota keenyatti. Waantonni Daraartu adda taasisan waantota heddutu jiru, fakkenyaf ishee, Akka Afrikaatti dubartii jalqaba olompikii … Continue reading Kolone Daraartu Tullu/ Kutaa tokkoffaa

Duudhaa Hawaasaa

Duudhaan hawaasaa wanta aadaatin baayyee walitti dhiyaata. Haa ta’u malee, akka wanta aadaa bu’aa ogummaa nama dhuunfaa yookan garee muraasaa osoo hin ta’in waan gamtaan Hawaasaa beekkamtii itti kennuun bifa wal-fakkaatuun irratti walii galaniidha. Kunis  barsiifataalee yeroo dheeraaf hawaasicha keessatti mul’achaa ture kan haammatuudha. (Dorsan, 1972) Duudhaan hawaasaa ummata keessatti umurii dheeraa kan lakkoofsiseefi hawaasni hundi itti waliigalee kan fudhate akka ta’eefi kutaa kana keessatti kan ramadaman … Continue reading Duudhaa Hawaasaa

SIIQQEE

Aadaan maal akka ta’e jecha gabaabaadhaan ibsuun rakkisaadha.Ta’us garuu aadaa jechuun amala yookaan akkaataa sabni tokkoo ittin walii wajjin jiraatudha. Haala jiruuf jireenya saba tokkoo jennee kaa’us ni dandeenya. Akkasumaas eenyummaan saba tokko kan ittiin beekamu afaaniifi aadaa isaatinidha.Akkaataa uffannaa,nyaataa,dhugaatii,gaddaa fi  gammachuu,fuudhaaf heerumaa,Waaqeffannaa fi akkaataa ittin bulmaata isaani hundinu qabiyyee aadaati jechuun ni danda’ama. Sabni … Continue reading SIIQQEE