
Namoota sammuu qaroo bu’aa olaanoo argamsiisan keessaa, qaroomina sammuu guddaa kan qabu fi amaloota adda qabuun kan beekamu tokko Albart Anistaayiin dha.
Anistaayiin akkamitti anniisaa atoomii keessaa cuunfuu akka dandeenyu nu barsiiseera. Tarii namni kun samuu xiqqoo qabnu kana keessaa akkamitti waan bu’aa fidu tokko yookan lama baasuu akka dandeenyu nu barsiisu danda’a ta’a. Kanaaf ammoo haala rafiitii, nyaataa fi filannoo uffannaa isaa beekuun nu gargaaruu malaa.
Anistaayiin guyyaatti yoo xiqqaate sa’aatii 10’nif rafuun namoota hedduu caalaatti gorsa fayyaa kana hojii irra nama oolche dha.
Seenaa dhala namaa keessatti kalaqaalee Albart Anistaayin jijjiirama gurguddoo fidan kan akka Gabatee Pereedikii, caasaa DNA fi yaad-rimee Ispeeshaal rileetiivitii (Special relativity theory) yoo fudhanne, hundi isaanii iyyu kan argaman yeroo namnni kun rafu ta’uun isaa beekameera.
Kesaattu dhuma irra kan jiru kan yaad-rimee abjuu keessaa loon elektrikiidhaan yeroo ajjefaman arge ture. Haa ta’u male kun dhugaa ta’u ni danda’aa laata?
Bara 2004 keessa, hayyoonni saayinsii kan Yuniversitii Luubeek biyya Jarmanii yaada kana qorachuun, namoonni sirriitti rafan namoota rafiitii gaha hin arganne harka lama caalaa yaada gurguddaa burqisiisuu akka danda’an eeraniiru.
Maddii BBC Afaan Oromoo
Itti fuffaa….