
Namni gaariin ni beekama
Gaarii hojjetee wareegama
Aadaa isaa mararfata
Jaarsa biyyaaf bakka laata
Irree isaatiin lafa soqee
Karaa barruu babbaqaqee
Jireenya isaa fooyyeffata
Egereedhaaf karoorfata.
Sammuu duwwaatti of hin dhiqu
Qoonqoof jedhee liqii hin dhaqu.
Of bokoksee of hin jaju
Iddoo hin taanes hin ijaajju!
Yoo har’a dhabe bor abdata
Kaayyoon mudhii jabeeffata.
Waa hubatee yoo beekeyyuu
Natu caala jedhee hin iyyu.
Of mul’isuuf hin garmaamu
Namni gaarii hin wallaalamu.
Beekaan namaa ni beekamaa
Lammii isaatiif wareegama.
Namni beekaan of ilaala
Namaa wajjin walii gala.
Jette jettee namaa hin dhaquu
Arrabni isaas nama hin tuqu.
Haarii garaadhaa yoo qabaate
Nama hin lolu ariifatee
Haasaan isaa nama quubsa
Lola dhaabee nagaa buusa.
Kunoo kana gaariin namaa
Alkkamittiin wallaalama!
Sammu qabeessi beekaan namaa
Hojii isaatiin madaalama!!
Shuumii Abarraa Gammachuu