Bara durii haadha manaa fi abbaan warraa waliin jiraatu ture. Lamaanuu  erga waliin jiraachuu jalqabanii turanii jiru. Baay’isanii wal jaalatu ture. Yeroo tokko garuu wal lolan. Duraan wanta wal lolanii hin beekneef walitti araaramuu didan.  Abbaan manaas “Erga wal lolla ta’ee maaliif waliin jiraanna,narraa gali jedheen. Isheenis gara mana warra isheetti sokkite. Warri ishees akka isheen wal loltee dhufte dhaga’anii akka araaraman ykn yoo addaan ba’anis akka qabeenya isaanii qooddatan gaafatan. Kanumaan beellama qabatan. Guyyaa beellamaas hundumtu warri waamame ni dhufe. Jaarsi tokko jaarsolii keessaa ol ka’ee, maal irraa kan ka’e akka wal lolan gaafate. Isaanis dabaree dabareedhaan itti himan. 

Kana booda jaarsi tokko immoo “qabeenya hirachuu irratti lamaan  keessan walii galtuu?” Jedhee gaafate.    Lamaanuu “eeyyee” jedhan. Kanaan booda “akka wal caale hin jennetti uffata keessan hundaa baasaa” jedheen. Isa booda isheen gara abbaa manaa isheetti garagaltee uffata ishee baafachuuf jennaan jaarsi tokko ,“kunoo wal jaalattu mitii? Maaliif itti garagalte? Osoo hin jaalattu ta’ee itti hin garagaltu ture.Qabeenyas walqixa qooddachuuf walii hin galtan tureeyyu. Nu silaayyuu kan akkas gooneef akka araaramtaniif malee akka qabeenya hirattanii addaan baataniif miti.” Jedheen. Isaanis  achumaan walitti araaramanii waliin jiraachuu jalqaban jedhama. 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s