Gaaf tokko Harbuun baay’ee guddaan tokko qilleensaan buqqifamee, laga tokko irratti kufe. Harbichi Leemmana gidduutti kufe. Harbuun leemmana gidduutti kufe kunis guddaa rifate. Leemmanni qilleensa jabaa sana irraa hafee dhaabata. Isaa boodas akkas jedhee gaaffii gaafate. “Isin warri sasalphoo fi dadhaboon kunniin, qilleensa akkas jabaatu sanaan attamitti akka caccabdanii hin hurraa’in haftantu nadinqaa jira isaaniin jedhe?” Isaanis deebisanii, “Ati qilleensaa wajjin wal-lolta ittiinis wal’ansoo qabda, kanaafuu hundeen buqqafamtee kufte. Nuyi immoo, faallaa keeti. Utuu qilleensi jabaan nu bira hin ga’in dafnee gara inni qilleensa’utti luuccofna. kanaafuu immoo hin cabin hafne” jedhanii deebii kennan.