
Seera barreeffama Afaan Oromoo keessatti waantota dhorkaa ta’an
- Qubee dubbifamaas ta’e dubbachiiftuun barreeffama keessatti gosti tokko, lamaa ol ta’ee walitti aanee barreeffamuu hinqabu.
Hub. Yoo qubee dachaa ta’e malee. Akkasumas, dubbachiiftuun yoo hudhaan gidduu gale malee. - Dubbachiistuun gosti lama walitti aanee barreeffamuu hin danda’u.(hudhaan gidduu galuu qaba)
- Bakka irra butaatti sagaleen jabaachuu hin danda’u.
Fkn: Falmmattoota
Gurrguddaa - , Qubeen dachaa barreeffama keesaatti lama ta’ee ( jabaatee) hin barreeffamu.( dubbisa keessatti adda ba’a)
Fkn: Kallachcha × - Qubeewwan jiran keessaa qubeen ‘h’ jabaachuu hin danda’u.( barreeffamaanis, dubbii keessattis
- Barreeffama dheeraa yommuu barreessun dhuma toora waraqaarra yommuu geenyu birsagarra utuu hun ga’iin dachaafachuu hin qabnu.
Fkn: …nyaatt-
ee rafte.( kun seera Afaan Oromoon dhorkaadha).
- Qubeen guddaa( qub-guddeessi) walakkaa jechaatti galuu hin danda’u.
Jalqaba barreeffamaa, xumura yaadaa booda, maqaa biyyaa, namaafi bineeldotaa yommuu fayyadamnu qofa fayyadamna.
Fkn: Tolasaan Mana Barumsaa Deeme. ×
Tolasaan mana barumsaa deeme.√
- , Jalqaba himaa, xumura yaadaa booda, maqaalee lakk 6 irratti kaafne kana keessatti yeroo hundaa qubee xiqqaan fayyadamuu hinqabnu.
Fkn: abdii, caaltuufi galataan finfinnee deemanii turan. garuu…×
Abdii, Caaltuufi, Galataan Finfinnee deemanii turan. Garuu…√
- , Sirna tuqaalee xumura yaadaa agarsiisan (tuqaa, mallattoo gaaffii fi raajeffannoo) yommuu fayyadamnu lamaansaanii wal duukaa fayyadamuu hin dandeenyu.
Fkn: Akkam bareeddii?! ×
Akkam bareeddii! √ - .Mallattoo Fuftuu(…)Tuqaa sadii ol fayyadamuu hin dandeenyu
- [?].Jechoota ergisa ta’an akka jiraniin fudhachuu hin dandeenyu. Jecha sana ergisa ta’uusaa adda baasuuf mallattoo waraabbii qeenxee keessa galchuu ykn barreeffamicha barreeffama kaanirraa adda baasuu qabna.(yoo barbaachise gurraachessuu ykn ‘italic’ fayyadamuu qabna).
Fkn: Tuulamaan ‘sport’ jaallata. - Xumuraafi ka’umsa jechaa keessatti sagaleen jabaatee barreeffamuu hin qabu( jalqabaafi xumurarratti qubeen dubbifamaa lama ta’ee hin barreeffamu).
Fkn: bbishaan, bishaann × - , Irra butni jalqabaafi xumura jechaarratti hin galu( gidduu jechaa malee)
Egaa ” kan qaban yoo darbatan dabuma hin dhaga’atani” jedhani, mee yaada yoo qabaattan waa jedhaa!
Mddii: kan dubbifnerra