Kolone Daraartu Tullu/ Kutaa tokkoffaa

Seenaa Kolonel Daraartu Tullu gabaabumatti ibsuun baay’e rakkisaa waan ta’eef, hanga danda’amaneti xiqqesinee isiif dhiyeesuuf yaalla. Sababiin isaa jabaa ofii abbadhumatuu faarfata waan ta’eef.  Daraartu kan dhalatte ganda baadiyaa Oromiyaa keessatti, nannawaa Boqojiitti. Nannawwan sun immoo akkuma beektan burqaa atileetota keenyatti.

Waantonni Daraartu adda taasisan waantota heddutu jiru, fakkenyaf ishee, Akka Afrikaatti dubartii jalqaba olompikii irratti hirmaachuun warqee argamsiisuu dandeessedha. Yeroo sanatti meetira 10,000 fiiguun  bara 1992 magalaa Barseloonatti addunyaa afaan qabachiifte.

Yeroo muraasaf miidhama ishee mudateen figichaa dhiifte, bara 1995 AAF addunya shampiyooni qaxaamura biyyaa jedhamu irratti hirmaachuun warqee qrgachuu dandeserti. Morkii kana adda kan godhuu immoo isheen xayaara irraa buute, yeroo bakka dorgomichaa gessuu sa’atii tokko qofatu hafa ture. Isheenis kallattin gara dorgomichaa seente.

Bara 1997 ammas irra deebin  fiigicha qaxaamuraa mo’atte. Bara 2000 tti olompikii addunyatti yeroo lammaffaa fageenya meetora 10,000 fiigidhaan mo’achuu dandeserti.

Walii galatti akka oddeefannoo kiyyatti medalaiyaa olompikii fi addunyaawwa jaq’a argachuu dandeesretti.  Itti fufa….

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s