
Hawaasaa beekkamtii itti kennuun bifa wal-fakkaatuun irratti walii galaniidha. Kunis
barsiifataalee yeroo dheeraaf hawaasicha keessatti mul’achaa ture kan haammatuudha.
(Dorsan, 1972) Duudhaan hawaasaa ummata keessatti umurii dheeraa kan lakkoofsiseefi hawaasni hundi itti waliigalee kan fudhate akka ta’eefi kutaa kana keessatti kan ramadaman kabaja ayyaanaa, qoricha aadaa, tapha aadaa waaqeffannaa fi guddina sadarkaa namaa ta’uu
ibseera. (Fekade, 1991); (Dundes, 1965); (Bukenya, 1994) sochii jireenya hawaasummaa keessatti qaamoleen hawaasaa sirnoonni waliin qabaniifi kabajan hundi duudhaa hawaasaa jalatti akka ramadaman ibsu. Akka yaada hayyoota kanaatti, duudhaan hawaasaa dhimmoota garee hawaasichaa keessatti irra deddeebi’anii haala walfakkaatuun raawwatamanidha. Kunis kan raawwatamuuf, miseensa garee hawaasa tokkoo ta’uuf yookiin itti makamuu agarsiisuuf ofbeeksifachuu akka ta’e agarsiisa. Kanaaf, duudhaan hawaasaa dhimmoota hawaasni waliin
beekkamtii kenneefi gamtaan raawwatu kanneen akka kabaja ayyoonotaa, sirna fuudhaafiheerumaa, sirna araara namoota waldhabanii, taphoota aadaafi kkf kan haammatuudha.
Kanan dubbisee irraa
