Aadaan maal akka ta’e jecha gabaabaadhaan ibsuun rakkisaadha.Ta’us garuu aadaa jechuun amala yookaan akkaataa sabni tokkoo ittin walii wajjin jiraatudha. Haala jiruuf jireenya saba tokkoo jennee kaa’us ni dandeenya. Akkasumaas eenyummaan saba tokko kan ittiin beekamu afaaniifi aadaa isaatinidha.Akkaataa uffannaa,nyaataa,dhugaatii,gaddaa fi  gammachuu,fuudhaaf heerumaa,Waaqeffannaa fi akkaataa ittin bulmaata isaani hundinu qabiyyee aadaati jechuun ni danda’ama.

Sabni Oromoos Akkuma saba biraa saba aadaa,afaanii fi eenyummaa mataa isaa kan qabudha. Aadaa bal’aa Oromoon qabu keessa tokko Siiqqeedha. Ga’ee Siiqqeen uummata Oromoo biratti qabduufi siiqqeen maal akka taate mee waliin haa ilaallu; Siiqqeen ulee qal’oo dheertu, si’ooftuu kan dubartiin Oromoo qabattudha.

Siiqqee durbii hin qabattu; kan heerumtee abba warraa qabdu yookaan kan bultii dhaabbattetu qabata. Sabaabiin isaas siiqqeen eegduu fi kabachiiftuu mirga dubartii akkasumaas mallattoo nageenyaa waan taateef. Durbii herumtee yeroo mana warratti batu haati ishee akka kenaatti keennitif siiqqeen mukaa harooressa jedhamu irra tolfamti. Mukti kun kan filatameef akka muka biraa akka layyotti hin cabu,hin baqaqus muka jabaadha. Kanaa malees yeroo biqilu wal qixxatee qajeelee biqilaa malee akka muka bira hundeen isaa furdateefiixeen isaa qal’ateeijoo godhatee hin biqiluu.siqqeen yeroo muramtee tolfamtu dhaarina dubartii ishaa qabattuttin safaramee murama malee dheerina barbaadamee miti. Yoo akkas hin taane yeroo qabattu itti hin tolu.siiqqeen erga muramtee bodaa qaqaa aaraa kessa turtee bifa dhalootaan qabdu irra jijjiramtee bay’ee osoo hin guracha’iin dimatee midhagduu ta;uu qabdi.murtii oromoo keessatti hayyun yeroo halagee muru ,abbaan bokku yeroo bokkun muru dubartiin immo siiqqee murtii.siqqe yeroo hundaa hin qabatani. 

Rakkon yoo jirateefi sirnoota aayyana qofa irratti qabatuu.rakkoon dubartii siiqqee qabachisuu kessa murasnii waraana ,dhibee,caama,rooba hammatee,rakkoo dubartii mudatuu fi k.k.f dha. Yoo waranni ka’ee nagaa busuuf nama seera dabseetti seera muruuf, nama mirgaa dubartii sarbee adaba itti kenuuf,caama hammateef akka roobu waqaa kadhachuuf akkasumas, yeroo ayyaana irrechaa fi yeroo atettee facaafataan coqoorsaa laliisa ykn irresa waliin harkaa mirgaatti qabatuu dubartoonni.Siiqqe akka ulee biraa hiriin hin tikfaataani sareetti hin darbaatanni, haarreeen hin ofaatanni,dugdaaniis hin hoqaatanni. Kanaaf dubartiin siqqee qabatte,kabaaja qabatte ni kabajamtii . dubarii siiqqee qabatee demtuu  yoo karaatti namatti dhuftee nama ofkaalchituu malee karaa ishee dura hin qaxxamuraan ,malkaas ishee dura hin ce’aani .

Walumma galatti siiqqeen nama  wal dhabee kan araarsitu waraana kan dhabduu,beelaafibalaa kan dhorkituu ,dubartiin oromoos kan ittin mirga ishee kabachiifattu akkasumaas mallaattoo Nageenyati . kanaaf siiqqeen dubarti oromootiif gaachana dha.      

Hundattuu Dirribsaa yuuniversitii wallaggaa irraa

2 thoughts on “SIIQQEE

  1. Ajab ajab! Baayyee ulfaadhaa yaa warra Siifsiin fi Hundattuu Dirribsaa! Barumsa guddaa fi barbaachisaa irraa baradheen jira. Warra kaaniifis maxxansa kana nan hira. Ulfaadhaa, jabaadhaa itti fufaa!

    Like

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s