Ardaan jilaa Me’ee bookkoo iddoowwaan seena qabeessa Oromoon qabu keessaa Godina Gujii Aanaa sorratti kan argamtudha. Akka ragaan tokko tookko ibsutti me’een bookko jiddu gala aadaafi seenaa ummata Oromoo Gujii keessatti caffee yaa’iifi tumaata aadaa ittin bulmaata sirna Gadaa ta’uun jaarraa bay’ee lakkofsistetti. Naannoo isaa qabeenya ummama kannen akka bosonaafi bineensota bosonaa kannen akka Gadamsafi kuruphee kan beekkamtudha. Laggeen bonaafi ganna yaa’anii hin dhumne, lafa diriiraa fi margaan uwwifame argamuun kan namni bareechee uume fakkatun kan marfamtedha. Garuu rabbumati seesee dade male kan harka namaa miti.
Marree akkuma aadaan Oromoo Odaawwaan shanan Oromiyaan qabdufi naannoo isheetti seerri tumamuufi bokaan (murtiin) ka’aamu me’een bokkos kanaan beekkamti. Sirni baallii Walharkaa fudhannaa kan waggaa saddet saddeetiin gaggeefamu bara 2008 dirree me’ee bokkotti raawwatamee ture. Osoo namni aadaafi seenaaf dhimmamu jiraatee kan hambaalee UNESCO keessatti galamaa’u ture. Sababni isaas Gadaan Oromoo, keessattuu Gadaan Gujiifi Booranaa sirna bittaa cunqursaa naafxanya keessattis tokkummaan hojjachaa kan tureefi karaa nagaa fi dimokiraatawaa ta’een kan aangoo walirraa fudhachaa jirudha.
Jiini (baatiin) isaa Badheessa baatii Bitidotessaa keessa yeroo margi latuufi dacheen magariisaan uwwifamtu, kan sirni jilaa raawwatamu. Dirreen me’ee bokkoo ummata Oromoo qaccee hamma qacceettii goduun (bahii) baatee kolbaan calaatee walqastee (walti baay’attee) Faranjiin adiifi abashaan biyya keessaafi alaas hin hafne. Bahiin baate, waanuma gabaa baatii kamisee jedhamu fakkaata. Garuu wanti bitamuufi gurguramus bilisaan kan kennamutti caala. Marqaafi Caccabsaan, Bunaqalaafi Itittuun, Bookaa fi Nadhiin Damma gatamee achitti dhihaatu waanuma rabbiin ittiin badhadhaa namaan jedhe fakkaata. Dargaggoofi shamarraan, jaarsaafi jaartin osoo hin hafini uffata aadaatin kuulmanii (bareedanii) jilaa fi faaya ta’uun sirnicha adda tasisu.
Seera Yaa’ii Me’ee Bookkotti Tumame
Seera aadaaf tumame
Sirna fuudha: Ummatni Oromoo ummata ball’aafi seenaa qabeessa ta’uun gaafa Afirikaatti kanbeekkamudha. keessattu sirni fuudha arfaniii Buttaa, Hawadii, Kadhaa fi Adibaana jedhamu keessa kadhaafi hawadiin kan jajjabeeffamu ta’uun lallabameera.
Seera nyaata: Ummani Oromoo nyaata isaa kan akka Marqaafi kan biraa Osoo hin jijjiirin dhalootaaf akka dabarsuufi akka itti fayyadamu yayyabameera.
Seeraa uffataa: Seera uffataa keessatti dhiirri uffata dubartiin, dubartiin uffata dhiira akka hin uffanne, Borricha, Qoloofi Bayyaninii osoo hin jijjiramiin dhaloota gara dhalootatti akka darbuufi Calleefi faayi akka godhatamu kan murta’es gumii kana irratti.
Seera rifeensa sirreeffachu: Namni dhiira ta’e tokko rifeensa isaa akka dubartii dheeressuu, dhawachuu hin eeyyamamu, yoo goota ta’e malee; akkasumas dubartiin rifeensa ishee murachuu hin qabdu yoo dhirsii ishee jalaa du’e malee.
Seera qodaa nyaataafi itti fayyadama isaa: Qodaan nyaata keessattu kanneen akka qodaa Annanii, Ciicoo, Buqqee (Duloo), Horfoo fi Mijuun ra’oo akkasumas Qoriin aadaa muka irraa harka namaatiin tolfame akka hin banne lallabameera. Kanuumaan walqabatee aannan loonii meeshaalee pilaastika irraa warshaa keessatti hojjatemetti akka hin elmamaneefi raafamee seeri tumamera.
Seera Afanii Oromoo guddissufi tumame: Afaan Oromoo afaan saba guddaafi afaanii dubbattoota baay’ee qabachuun beekkamu waan ta’eefi iddowwaan hojii, jilaa, mana bowaafi mana cidha keessatti akka dubbatamuufi barreeffamaan akka dhihaatu yayyabameera.
Seera ummamaa fi tumamee fi mirga isaa
Mirga Bineensota Bosonaa: Bineensotni bosonaa akkuma ummama biraa mirga lubbuun jiraachu fi naannoo bareeda keessa jirachu akka qabani seera Gadaa kana keessatti tumameera. Keessattu bineens otoo bosonaa yoommuu bishaan dhugaan argan irraa ari’uu fi ajjesuua yakka chimaa akka ta’e lallabameera.
Mirga Biqilootaa: Biqilootni mirga akka qabaniifi akka kunuunfaman yaa’ii kana irratti labsameera. Keessattu biqilootni mataa kanneen akka Birbissaa, Gatamee, Gudubaa laayyoo, Heexoofi Waddessi akka hin muramne seeri tumameera.
Mirga beelada manaa: Beladoonni mana akkuma namaa mirga akka qabaniifi kununfamani yaa’ii kana irratti lallabamera. Horii manaa kanneen akka Farda kooraa, Harree fe’insaafi Horii rimewaa, Sangaa ittin qotani waraanu, seeraan ala dhimmaa itti bahuuniifi ajjesuun nama adabsisa.
Mirga bineensa manaa: Bineensota manaa kanneen akka Sareefi Addurree ajjeessuun, waraanuuni qaama isaani hambisuun kaffal tiifi bokaa cimaa akka qabu dubbatamera.
Mirga Dhala Namaa fi Seera Tumame
Mirga dubartoota: Dubartootni hawaasa keessatti akka qaama namaa gama tokkootti waan ilaalamaniifi dhimmoota hawaasa keessatti qooda fudhachuu akka qabani fakkeenyafi baallii gadaa keessatti haadha bollaa/hadha manaa abba Gadaa/ ta’anii akka tajajilanfi qabeenya maatii isaanii dhaalu akka danda’an seerrii tumameera.
Mirga Daa’immanii: Ummanni Oromoo akkuma beekamu guddifannaan kan beekkamufi daa’immaan haadhaafi abbaa hin qabne guddifamuu akka qabani akkasumas daa’ima abbaa malee dhalatanii karaarratti gatuun kan cira (yakka cimaa) akkate lallabaniiruu.)
Mirga qaama namaa: Ilmi namaa qaama guutuun akka jiraatu sirnichi ni dubbata. Ilkaan walcabsuun, ija walballeessuun yakka guddaa akka ta’ee fi adabbi cimaa akka qabu seerichi nidubbata.
Roobee Gadaa Bariisoo
Yuunivarsiitii Finfinneetti
Barataa Ji’oograafiifi qo’annaa Naannoo, waggaa 4ffaa