“Dubartoota malee Gadaan Guutuu hin ta’u!”kana jechuu waanti nama dandeessisu; jalqabarratti dubartoonni caasaa sadarkaalee gadaa keessa hin darbiin malee ilma deessee guddisuufi sirna gadaaf qofa osoo hin ta’iin kan biyya bulchuufi duulee biyya eeguuf geessisuun kan bakka gudda qabdudha.

Kanamalees, raawwii sirna gadaatiif dhangaafi meeshaalee adda adda kan qopheessuu dubartoota. Dhangaan qophaawwus qodaa shan jedhama, qodaan shan kunis; qorii, caccabsaa, cuukkoo kan qabatu yoo ta’uu, yeroo Abbaan manaa ishee gadaa qabatu foolleen akka hin abarreefi akka gadaan abbaa manaa ishee hanquu hin taaneef kan qophaawuudha.
Yeroo Abbaan manaa ishee gadaa qabatu, niitii (haati warraa) isaa ammoo uffata aadaa uffachuun meeshaalee Aadaa kana akka okoleefi gadii qabattee cina deemti. Okoleefi gadiin kunis, mallattoo hormaataafi kabaja looniif qaban kan mul’isudha.
Akka maanguddoonni jedhanitti, yeroo dhiirri gadaa qabatu obboleettiin shaashii mataa isaatti maruufiin seera jedhu. Kunis waa lama ibsa. Tokkooffaa; shaashii sana obboleessa isaanii gadaa qabateef mataatti maruun, hirmaannaa dubartootaa ykn qooda qabaachuu dubartoota kan mulisu you ta’u, gama biraatiin ammoo, isheenis ofkalteetti yookaan gadaa qabateetti jedhamee amanama.
Sababiin inni ol’aanaa gadaan dubartoota malee guutuu hin ta’u akka jennu kan nu taasise, jalqaba yeroo namichi gada qabatu sun akka haati warra isaa seera guutuufi qabdu gaafachuun seera qabaachuu ishee mul’isa.
Namichi gadaa qabachuuf jedhu sun, akka carraa ta’ee, fudhee kan hiikee ta’uu danda’a. Hiikees isheen jalaa baatee nama biraatti heerumuu dandeessi. Yookaan du’aan dhabuu danda’a. Hiikees dubartii biraa fuudhuu danda’a. Kanaaf seera kana kan guutuuf eenyuu? Akkamitti jechuun gaaffii uumuu mala.
Jalqaba, namichi gadaa qabatu kan hin fuune yoo ta’e, Kan seera guutuufi obboolettii ykn firaa aanteedha. Itti aansuun ammoo namichi gadaa qabachuuf jedhu kun fuudhee yoo jiraatee, haadha manaa isaatu seera kana guutaaf.
Yoo kan fuudhee hiike ta’e ammoo bakka isheen jirtu barbaadee akka isheen seera guuttuufiif nigaafata. Isheenis, seera kana guutuufiif dirqama qabdi. Seera Gadaatiin kennameef waan ta’eef. Namichi sun erga hiikeellee haadha manaa biraa kan fuudhe yoo ta’e, seera kana guutuufi kan danda’u haadha manaa ishee duraati. Sababiin isaas, haadha mana qarree, kan Rakoo itti qalan waan taateef. Angafummaafi safuun kan ishee duraati. Kanamalees, yoo kan jalaa duutee taatellee, jalqaba bakka awwaala ishee irra dhaabbachuun “Koottu seeraa naa guutii” jechuun yeroo sadii gaaffiin sagalee dhageessisa. Sana booda, haadha manaa boodarra fuudhee yoo qabaate yookaan obboleetti isaatti tumaa seeraa tumuun, seera kana akka guuttuufiif qopheeffata jechuudha. Kunis seera qabeessummaa ykn seera, sana guutuuf dubartoonni hammam barbaachisoo akka ta’an hubachuun nama hinrakkisu.
Dubartoota Sagantaa Eebbaafi Kadhannaa Irratti.
Sagantaan eebbaa raawwii sirna gadaa keessatti isa ol’aanaadha. Yaad-rimeen eebbaa waa lama ofkeessaa qaba. Inni jalqabaa Eebbaa jechuun, waan uummataaf barbaachisu waan akka tolu barbaadaniifi eebbisuun qaqqabsiisuu ykn badhaasuu ykn, waan uummataaf gaarii hin ta’iin ammoo, abaaranii balleessuuf yoo ta’u, Inni lammaaffa eebbiisuun, seera tumame mirkaneessuu jechuudha. Fakkeenyaaf, seera fooyya’ee bara waliin deemuu uummata akka tajaajiluuf baasaanii erga irratti walii galanii booda, tumaa seeraan mirkaneessu. Seera tumame kanas. “Haa eebbisnu, haa eebbisnu” jechuun mirkaneessu jechuudha. Kanaaf eebbisuun gama tokkoon, waan gaarii akka toluuf kan eebbisani qaqqabsiisan yoo ta’u, karaa gama biraatiin ammoo, seera tumame mirkaneessuu waliin wal qabata.
Dubartoonnis, sagantaa eebbaa kana irratti argamuun Aadaa ykn Seeradha. Dubartoonni argamanis, qixa abbootii gadaa dhabbaachuun eebba sana mirkaneessu. Dubartoota keessa kan argamanis tokko dubra qarree yoo taatuu; kan saalqunnamti hin eegaliintu filatama. kan biraa ammoo, jaartii cifiree kan jedhamtu kan saalqunnamtii dhaabdeefi laguu ji’aa hin argine ykn kan irraa dhaabbateetu filatama. kunis mallattoo qulqullummaa (sacred)ti.
Kanafuu, dubri qarreefi jaartiin cifiree eebba sirna gadaa ykn raawwii gada irratti argamuu qofa osoo hin ta’iin, kadhaa waaqaa irratti yeroo hongeen dheeratuufi bokkaan baduu, siiqqeefi caaccuu qabatanii yoo waaqa kadhatan akka waaqni dhaga’uufitu amanama.
Dubartoota Bulchiinsa Abbaa Gadaa To’achuu keessattti
Hirmaannaa dubartoonni Sirna Gadaa keessatti qaban kan calqqisiisu kan biraa, dubartoonni seera qabeessummaafi qajeelummaa bulchiinsa abbaa Gadaa hordofuu danda’uu isaaniti. Kunis karaa lamaani.
Tokkooffaa, seera haaraanis ta’e seerri fooyya’ee tumamu yoo jiraate, akka mirga dubartoota hin miineefi kan dubartoota fayyadamoo taasisu ta’uu addaan baafachuun, kan isaan miidhu yoo ta’e akka isaan miidhuu yaada isaanii ibsachuun akka seerichi fooyya’u gochuudhaaf hirmaannaafi mirga kan qaban ta’uu isaaniiti.
Lammaaffaa, jila sirni gadaa bobbaa’uufi, bakka Abbaan Gadaa deemee qubatee biyya araarsuufi jila geggeessu hundaatti haati manaa isaa akka waliin deemtuufi cina teessu seera qabaachuu isheeti. Sababiin isaas bakka jilaa sanaatti Abbaan gadaa dubartootaa biroo mil’aachuun akka qalbiin isaa gara biraatti hin hiramneefi sababa kanaanis, murtee sirrii fudhachuu keessatti akka rakkoon hin uumaamne yookaan, akka dalagaa isaa seeraan raawwatuuf ni to’atti jechuudha.
Kana egaa dubartoonni sirna gadaatiif hundeedha ykn lafee dugdaati kan akka jennu nu taasise.
Dubartoota Seera Waaqaafi Safuu Hawaasaa Eegsisuu Keessatti
Dubartoonni seerri Waaqaafi safuun hawaasaa akka hin cabneefi sababa kanaanis, ijaaramni hawaasaa akka hindiigamne, Hawaasa seera hinqabne akka hin taane to’achuu keessatti hirmaannaa daran ol’aanaa qabu. Fakkeenyaaf dhimmoota tokkummaa hawaasaa diiguu danda’uu jedhaman kanneen akka waldhabdeefi waraana gosaafi gosa gidduutti gaggeeffamu. Wantoota seera Waaqaafi safuu uummataa balleessu jedhaman kanneen akka Gaa’ila firaafi fira gidduutti ta’uufi kanneen kana fakkatan ni to’atu. To’annaan isaanis, yoo firriifi firri walfuudhee wal irraa hore, hawaasa haraamome kan jamaan, duudaaniifi namni qaama hir’uu keessatti dhalatu, kan abaarsiifi badisi Waaqaa nutti dhufa jedhanii amanan to’achuudha. Kana malees, yoo waraanni gosa gidduutti uumame, Siiqqee qabachuun, wal waamanii waraana sana gidduu yoo seenan battalatti lolli qabbana’a.
Maatii, qe’eefi hawaasa keessa jiraatan keessatti wanti haaraa yoo uumamu, safuun yoo cabu, dubartoonni wal waamanii Siiqqee qabatanii “maaloo kuni Safuudha. Takkaa wanti akkasi aayyoofi Aabboo keenya keessattuu mul’atee hinbeekuu.” Jechuun akka furmaanni hatattamaa itti kennamu Sirna Gadaa waliin wal cina ta’uun hojjatu.
Dubbiin hammatee furmaanni dhibamnaan, maatiifi waatii daa’ima harmaallee osoo hinjedhiin qe’ee gadii dhiisanii, galaana ce’uun muka jalatti walitti qabamu. Haala kanaan hanga furmaanni argamee Abbaan badii dalage adabamee, araarri bu’utti qe’eetti hin deebinu jechuun dhiibbaa (influence) godhu.
Dimshaashumatti, dubartiin jireenya guyyuu ilmi nama gaggeessu keessatti, hariiroo hawaasa gidduu jiru tumsuu keessatti, nageenya biyyaa eegsisuu keessatti, safuufi seera Waaqaa kabachiisuufi to’achuu keessatti gahee tilmaama hinqabne qabu yoo jedhame kan nama hin saalfachiifne.
Boonii Tasfaayee Guutaa
Mob.0920421133