Gaadii

Akka sawwi hin sochooneef

Miila kaasee nama dhiitee hin miineef

Balaa geessisee ofifiis akka hin abaaramneef

Ofumaan of dararee, amaalasa isa gadheef (×2)

Gadi’aamee elmaamuuf of dirqisisee

Ofiis midhamee namas dararee, rakkisee

Balleessa isaaf yakkaa innii uumee ballesse

Gaafa gaadi’amee bare amaalasas dagaachisee

Naman wal barsiisee, isas amaala tolchee

Dhala lammaatas isa eggachuuf qalma isa oolche

Jalaala namaf qabu gaadiin barsisee

Erga garaa namaf naalchise ilmoosas jalaachise (×2)

Maaf jibbuure sakalaanii namatti deebisuu

Maaf ifaaturee nama jallaf badii yaadu

Osoo karaan kun jiruu, abarsaaf cubbuu

Gorsiis namaaf gadidhaa namaatti hora lubbuu (×2)

Namnii gaadiin hidhaan hin foyyoone

Namattis debi’ee naman wali hin galle

Innoo namas miti warabeessa bosonaa

Jiruu hin qabu ko’eessa lafa onaa

Yaaddof gadadoon of jijjira of coraa(×2)

Lakkii ya namana nama ta’i nama baraa

Jiruus qajeelchi jiruu haqaa

Ofiis yaadi namas yaadi of tolchi maqaa

Kana tau bannan namniis si gata fageesse akka raqaa (×2)

Barreessan Dr. Warqinaa Tasammaatin

email tessemaworkneh1@gmail.com

Lakk. Bilb 0934728225

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s