Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata.
“Oduuf na qalani” jette lukkuun.
Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa.
Kan nyaatee fi kan kaate waa jalaa baha.
“Maali fardi ni maraatee?” jedhe waraabessi hari’ee dadhabee.
“Adeemsa abbaatu oftolchaa, fuula Waaqatu nama tolcha” jedhe
Jaldeessi.
Afaan gaariin afaa gaarii caala.
Hafaasaarra afaansaa
Namni dhadhaa afaan kaa’an dhagaa afaan nama kaa’a.
Harreen yeroo alaaktu malee yeroo dhuudhuuftu hinbeektu!