Kutaa 1 ffaa
Shambal Abbabaa Biqilaa (Hagayya 7, 1932 – Onkoloolessa 25, 1973) atileetii Olompiikii maraatoonidhaan si’a lama mo’ee yoo ta’u irra caala kan ittiin addunyaarratti beekkamu bara 1960tti Olompiikii Gannaa luka duwwaa kaachudhaan medaaliyaa warqii argachuu isaatini. Yaadannoo Abbabaaf jecha istaadiyemiin Finfinnee jiru maqaa isaatin moggafameera.
Abbabaa Biqilaa gaafa Hagayya 7, 1932 maatii Oromoo gosa Abbichuu ta’anirraa dhalate. Iddoon dhalootasa araddaa Jaatoo jedhamtu kan Mandiidarraa km25 fagaate argamtuti. Guyyaan dhalootasaa kun guyyaa Maraatoonii Olompiikii Loos Aanjeles ture. Abbabaan ijoollumaatti tiksee ture. Abbabaan boodarra eegduu mootichaa (Imperial Bodyguard) ta’uudhaan maatii isaa gargaaruu waan barbaadeef km250 lukaan deemudhaan gara Finfinnee dhaqe. Finfinneettis jalqaba eegduu dhuunfaa ta’uudhaan maatii warra sanyii mootii (royal family) eeguu jalqabe.
Onnii Niskanen, lammii Iswiidin kan Fiinlaanditti dhalate,mootummaa Itoophiyaatin atileetota akka leenjisuuf qacarame. Leenjisaan kun battalumatti dandeetti Abbabaa kana arge.
Moo’icha Maraatoonii oloompikii
Abbabaan Olompiikii 1960 yeroo xumuru
Abbabaan garee Olompiikii Itoophiyaatti kan makame dhumarratti yeroo xiyyarri gara Room deemuu ka’uuf jedhutti. Abbabaan garee kanatti kan makame Waamii Birraatu kan taba kubbaa miilaa odoo tabatuu miidhame bakka bu’uudhaani. Meejer Onni Niskanen Abbabaa Biqilaa fi Abbabaa Waaqjiraa maraatoonii akka isaan fiigan godhe.
Adidaas, ispoonsariin Olompiikii Gannaa 1960, qophee muraasa qofa qaba ture yeroo Abbabaan qophee itti ta’u filachuu dhaqu; Sababa kanaaf qophee itti hin taanet kennameef, kanaafuu itti fayyadamuu hin dandeenye. Fiigichi odoo hin jalqabin sa’a lamaan tokko dura, Abbabaan akkuma yeroo leenjii godhu lukaan kaachuuf murteesse. Leenjisaan isaa Niskanen waa’ee morkattoota isa wajjin fiiganii itti himee akeekkachiisaa ture; kana keessaa tokko lammii Morookoo Raadi Bin Abdiselaam kan lakkoofsa 26 uffatu ture. Sababa hin beekkamneen garu, Raadiin fiigicha dura uffata maraatoonii gurraacha kan lakkoofsa qabu hin arganne ture, kanaafuu uffata yeroo tiraakirraa fi dirreerra fiigu uffatu kan lakkoofsisaa 185 ta’u uffate.
Fiigichi gara galgalaa godhame kun jalqabnisaa fi dhumnisaa aarchii, Konistaantiin kan Koloosiyeemii fuuldura jiru ture.
Yeroo fiigichaa kana Abbabaan lakkoofsa Raadii 26 barbaaduuf jecha atileetota baayyee bira darbee fiige. Yeroo km20 ta’u, Abbabaa fi Raadiin(kan lakkoofsa 185 uffate) atileetota fiigaa jiran isaan kaanirraa faagaatanii addatti bahan. Abbabaan nama lakkoofsa 26 uffatee barbaaduf jecha gara fuuldura ittuma fufe; Raadiin isa bukee fiigaa namicha jiru ta’uu hin barre. Jarri lamaan amma 500m ga’anitti wajjin fiigaa turan; meetira 500 booda, Abbabaan furguffamee bahee xumure. Abbabaan sa’aatii riikardii ta’e 2:15:16.2 galmeessuun moo’ate. Moo’icha kanaanis, Abbabaan nama gurraacha Aafrikaa medaaliyaa warqii Olompiikirratti argate kan jalqabaa ta’ee galmaa’e. Abbabaan Raadii sekendii 25n dursee fixe.