Saba Oromoo biratti ganna keessa darbuun gara birraatti ce’uun hiika guddaa qaba. Yeroo gannaa fakkenya dukkanaa , hojiin baay’een kan itti baayyatu, keessattuu immoo qonnaan bultoonni kan baay’ee hojiin qaban yeroo kanatti. Haata’u malee yeroo rooba fi qorri sun darbee roobni cimaan sun hundi darbee, qorri akkas jabaatan sun hundi darbee yeroo miira namaa hawwatu ,kan dacheen Oromiyaa hundi magariisa taatu, daraaran bakka hunda aguuge foolin isaa kan nama hawwatu, kannisni nadhii daraara guruuf yeroo hojiin itti baay’atu, sagaleen simbiroo kan miira namaa hawwatu ,fi kkf hundi yeroo birraa kanatti.
Maree egaa isiinis naannoo keessatti akkamitti akka dabarsitani fi akkaataa yeroo birraa kanaan wal-qabatee naannawaa keessanitti maal akka fakkaatu nuuf qooda. Taphoota yeroo birraa kanatti taphataan nuuf barreessa, nutis deebifne , maxxansina.
Fuula ( page ) siifsiin like fi share gochuun hiriyoota keessan qaqqabsiisa.