Oduu durii

Screen Shot 2019-09-02 at 3.24.18 PM.png

Obbo Guddoo, Waraabessaa fi Wangoon osoo waliin adamoo adeemaa jirranii Bosonuu sadii; tokko furdoo, tokko giddu galeettii fi kan biraa huuqqattuu tokko arganii ajjeefatan jedhan. Achii Leenci (Obbo Guddoon) Waraabessaa fi Wangoodhaaf gita hojii kennee nyaata argame kana akkamitti nuuf hirtu jedhee carraa duraa Waraabessaaf kenne.

Innis, Waraabessi egaa yaa obbo guddaa jedhe, ishee furdoon kan keeti, ishee giddu galeettiin kan kooti ishee huuqqattuun ammo kan wangee haa taatun jedhaa jedheen. Obbo guddoon aaree mataa waraabessaa buqqisee darbatee gobaatti dire. Carraan itti aanu kan wangoo ta’e. Isheen kaatee… egaa yaa obboo guddaa, ishee furdoo ciree keessaniif ishee giddu galeettiin Laaqana, isheen huuqqattuun ammo Irbaata keessaniif haataatun jedhaa jetteen. Obbo guddoon raajeffatee yaa wange hirmaata gaarii kana attamitti barte jennaan Mataa Waraabessaa isa gobaatti diramerraan bare jetteen jedhama.

Indaaluu Roshaa

endalurosho@gmail.com

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s