Guyyaa tokko jaarsi tokko mucaa saawwan tiksu wayiittii dhufee “ Mucaa kiyya kan eenyuuti ati?” jedhee gaaffate. Mucaan immoo “ Ani abbaa hin qabu” jedheen. Jaarsichi maal ta’e jedheen, Mucichiis in du’e jedhee deebiseef. Jaarsichiis, “ Maali ilma koo abba keetu du’e malee gurraa isaatu du’ee? Jedhee gaaffate. Mucichis, jaarsana narraa deemi, gurra kana beeknee biraa hin hambifnee, walumaan awwaalle jedheen. Jaarsichi, mucaanana lafa tanaan si qabadhe jennaan, Mucichii immoo, jaarsana deemi lafa tsiindura abbootii keenyatu qabatee jedheen, jedhama.
Maddi: kitaaba ,Qasaatii