Umurii Maqaa Sadarkaa Gadaa

Screen Shot 2019-08-26 at 11.25.10 AM.png

0-8 Dabballee Barataa(qananii) Guduruu

8-16 Ittimakoo (G.Duraa) Barataa ykn Tika(loon) Ulee Qal’oo

16-24 Foollee (G.Lammataa) Sigabaa biyyaa baasa Hofaafii ulee

24-32 Kuusaa (qondaala) Biyya tiksa Eeboo

32-40 Raabaa (doorii) (jiruu qabeenya hora) Ulee

40-48 Gadaa (Luba) Biyya Bulcha Dhugoo

48-56 Luba (yuuba) 1ffaa Gorsuu, araarsuu Dhugoo

56-64 Luba (yuuba) 2ffaa Gorsuu, araarsuu Dhugoo

64-72 Luba (yuuba) 3ffaa Gorsuu, araarsuu Dhugoo

72-80 Luba (yuuba) 4ffaa Gorsuu, araarsuu Dhugoo

80-88 Gadamoojjii Gorsuu (qananii) Dhugoo

Screen Shot 2019-08-26 at 11.24.03 AM

Sirna Gadaa Oromoo

Uummatni Oromoo Uummata bal’aa gaanfa Afrikaa keessaa, isa tokko ta’ee baay’inni isaa naannoo miliyoonaa 50 olitti kan tilmaamamuudha. Kanaaf, waa’een uummata Oromoo yoo ka’u, waanti hedduun gara sammuu namaatti dhufuu ni malu. Keessattuu, sirna bulchiinsa dimokiraasii addunyaa kanaa keessatti qoodni, duudhaalee uummata gurraachaa yoo ka’u sirni Gadaa adda dureen yaadatama.

“waa malee sareen hin duttu” jedhama mitiiree! Anis sababa malee waa’ee sirna Gadaa hin kaasne. Sirni Gadaa jechaafi hima gabaabaan hiikamuu baatus, yaad-rimee isaa muuxannoon hawaasaa keessaa qabu, yaada qorattootaafi maxxaansaalee adda addaa bu’uura godhachuun akka armaan gadiitti dhiyeessuuf yaaleera.

Gadaan duudhaalee maddoota bulchiinsa dimokiraasii addunyaa ta’an keessaa isa angafaa kan uummatni Oromoo bal’aan madisiisee uummata addunyaa si’anaaf akka madda bulchiinsa uummataatti ofii isaaf immoo akka hambaa seenaatti olkaa’uun arjoomedha.Oroomon sirna Gadaa jedhamuun bulaa ture. Yeroo ammaas sirni gadaa bifa duriitiin ta’uu baatuyyuu Oromiyaa keessa bakkeewwan tokko tokkotti ni mul’ata. Sirni Gadaa kunis akka malee bal’aafi icciitii gadi fagoo of keessaa waan qabuuf, jecha yookaan hima tokkoon ibsamuu kan danda’u miti. Haata’u malee, akkuma walii galaatti yaad-rimee sirna Gadaa hundee bulchinsaa, siyaasaa, aadaafi duudhaa, amantii, diinagdeefi hawaasummaa kan of keessatti hammatudha.

Yaad-rimee kanarraa kaasuun sirna Gadaa gabaabsee ibsuuf yoon yaalu, Gadaan sirna bulchiinsaa kan uummanni oromoo waggoota saddet saddeetiin dhalootarraa dhalootatti aangoo wal harkaa ittiin dabarsuudha.sirni aangoo wal harkaa fuudhinsa isaas sirna Baallii yoo jedhamu, qajeelfamoota (principles) sakatta’iinsaafi madaalii (check and balance, through periodic successio of every eight years).qoqqoodaminsa aangoo (division of power, among executive, legislative and judicial branches),wal-morkii madaalawaa miseensota (gareelee)Gadaa shanan gidduutti taasifamuu (competitive parties) fi kkf irratti hundaa’uun raawwatamudha. Gadaan sirna hambaa duudhaalee Afirikaa keessaa tokko ta’ee heera uummanni Oromoo qajeelfamoota armaan olii irratti hundaa’uun ittiin ofiin ofbulchu,daangaa abbaa biyyummaa isaa ittiin kabajatuufi dinagdee isaa eeggatee guddifatudha.

Sirni Gadaa kunis gareelee shaniifi marsaalee saddeet kan ofkeessaa qabudha. Gareeleen Gadaa shananis Birmajjii, Roobalee, Melbaa, Muudana/ Michilleefi Horata yoo ta’an bakka adda addaatti maqaa garaagaraa qabaachuu nidanda’u.

Sirna Gadaa keessatti Oromoon Faana buutuu ykn Dhahaa qaba. Gadaanis kan raawwatamu dhahaa kana hordofeeti. Dhahaan (Faana buutuun) Oromoo Ji’aafi Urjii irratti hundaa’eeti. Guyyoonni Oromoon itti fayyadamu ji’a/baatii tokko keessa jiran hundi maqaa qabu. Maqaawwan kun mataa- mataattii Ayyaana qabu. Guyyaaleen kunis carraa yookaan milkii mataa isaanii qabu. Haaluma kanaan guyyaa gaariifi guyyaa cagginoo qaban jedhamanii adda bahu. Dhahaan yookaan Faana buutuun Orommoo kun Faana buutuu dur dur warri kuush ykn warri Ijiptootaa itti fayyadamaa turaniin wal-dhaala. Itti fufiinsa faana buutuu warra Kuush durii akka ta’etti amanama.

Seenaa, duudhaa, amantiifi ilaalchi, walu- maagalatti aadaan uummata tokkoo wal qabatanii eenyummaa uummata sanaa waan ibsaniif siyaasa fi diinagdee uummata tokkoo guddisuu irratti gahee guddaa qabu. Kanaafuu uummanni Oromoo eenyummaa ofiitiin boonee diinagdee fi siyaasaan akka guddatuuf seenaa, amantii, duudhaa ganamaa; dimshaashumatti ‘aadaa’ mataa isaa kanatti fayyadamuu, kunuunsuufi guddifachuu qaba. Oromoon Oromummaa isaatti amanu Gadaa deebisuu keessatti Qooda qaba. Haaluma kanaan marsaalee sirna Gadaa kana haala walduraa duuba umuriitiin akkaataa armaan gadiitti lafa keenya. As irratti gara yaada gabatee armaan gadiitti osoo hin seeniin waa’ee sirna Gadaa Orommoo gabaabaatti ifaa kan ta’uun irra jiraatu Gadaan uummata Oromoo qabiyyee armaan gadii of keessatti ni qabaata. Kabaja ilaalcha amantii, aadaa, seeraa fi duudhaa Uummata Oromoo boonsuufi bashannansiisu ta’uun isaa beekamaadha. Kanaaf ittiin haa boonnuu, ittiin haa hojjennuun, dhaamsakooti.

 

Adeemsa Seera Tumaa

Adeemsi seera tumaa sirna Gadaa keessatti seeraafi dambii mataa isaa qaba. Sirna gadaa Oromoo keessatti adeemsi seera tumaa adeemsa hirmaannaa uummata baldhaatti kan amanuufi kan ittiin raawwatudha. Akka seera Gadaatti namni kamiyyuu kan umuriinsaa eyyamu hunuu adeemsa seera tumaa irratti argamuuf mirga qofa osoo hin taane, dirqama sabummaas qaba. Adeemsa seera tumaa kanarrattis namni hunduu yaada qabu akka safuun uummatichaa eyyamutti qoqqobbii tokko malee dhiyeessa. Mariifi falmii (yoo barbaachisaa ta’e) hawaasa bal’aan erga himaachisaa booda, yaadolee walii galaa karaa Abbaa Bokkuutiin deebi’anii hawaasichaaf dhiyaatu. Kanaanis kan uummanni bal’aan itti amanee seera tahee tumamuu isaa abbaan Bokkuu Alangaa gogaa Roobii irra hojjetame qabatee uummaticha fuulduratti mirkaneessa.

Adeemsa seera tumaa sirna Gadaa kana adeemsa seera tumaa biyyoota dhihaa kan sirna dimokiraasummaan baay’ee dagaaganiiru jedhaman waliin yoo wal bira qabnee ilaalle amalli adda isa taasisu ni jira. Kunis akka qajeelfamoota dimokiraasii biyyoota dhihaatti yaanifi fedhiin uummata baldhaa yaadaafi fedhii uummata muraasaan kan uummanni baldhaan ofkeessaa filee bakka buufateen kan bakka bu’uufi murtaa’uudha . Akka sirna Gadaa Oromootti garuu, sagalee tokko nama tokko qofa bakka bu’uu danda’a. Kunis adeemsa seera tumaa keessatti uummanni baldhaan wal ga’ee yaada ofii isaatii akka safuun hawaasichaa eyyamutti qoqqobbiifi sodaa tokko malee dhiyeessee, yaadota falmii ta’ani immoo mareedhaan wal amansiisee gara furmaataa ga’uun dambiileefi seerota barbaachisan hunda baasa.

Adeemsa Seera Hiikuu

Sirna Dimokiraasii Oromoo (Gadaa) keessatti koreen maqaa salgan Yaa’ii Booranaan beekamu qaama seera hiikuurratti aangoo ol’aanaa qabudha. Miseensotani koree kanaa gareelee Gadaa kan Hayyuu jedhamu keessaa filatamu. Qaamni kun aangoo seera hiikuu biratti dabalee fooy’insi seeraa yoo barbaachisaa ta’e yaada ni dhiyeessa. Korri koree kanaa handhuura Gadaa Orommooo kan taate giddu gala Odaa Nabeetti geggeeffama.

Adeemsa Seera Raawwachiisuu

Abbaan Alangaa qaama seeraafi dambiilee duudhaa Gadaa Keessatti argaman raawwachiisuuf aangoo guutuu qabudha. Alangaan meeshaa gogaa Roobii irraa hojjetamu fiixeen isaa kallaattii qabatamurraa gara dhumaatti qal’ataa kan deemu ta’ee abbaan Alangaa akka mallattoo beekamtiitti (recognition) kan qabatudha. …….itti fuffaa.

Kan dubbisnerraa.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s