Senaa Abirhaam Linkoolin

Screen Shot 2019-08-26 at 10.53.30 AM

“Galma tokko ga’uuf Kutannoo fi murtoon barbaachisaa dha”

Abirahaam Linkooliin Yaalii isaa addaan hin kunne.

Abirhaam Liinkooliin, ilma qotee-bulaati. Bakka Hodjeenvillee keentuukii jedhamutti Guraandhala 12,1809 dhalate. Maatiin isaa kan hin baranne yoo ta’an illee inni waggaa tokkoof mana barumsaa galee barachuun jaalala dubbisuu dagaagfateera. Bitootessa, 1830 maatiin Liinkooliin gara Ilinooyisitti jijjiiraman.

Qabsoo Jireenyaa Mo’achuuf…

Sababa abbaan isaa ammas maatii isaa wajjin gara koolis kaa’onitti jijjiirameef, umurii isaa 22ffaatti hojii humnaa hojjechuun of danda’ee jiraachuu eegale. Qottoo baqsuu, muka jiidhaa babbaqaqsuun muka qoraanii fi dallaa ijaaruuf qopheessuun dandeettii beekamaa godhate. Dargageessi Liinkooliin jedhamu kun dhumarratti gara hawaasa “saalem haaraa” jedhamtee beekamtutti yeroo dheeraaf daldalaa dunkaanaa, to’ataa poostaa fi to’ataa mana kuusaa ta’ee hojjetaa turee Iliniyoositti deebi’e. Egaa Liinkooliin asitti dandeettii hawaasummaa argatee uummata waliin hojjechuu fi seenaa himuu jaallachuun isaa uummaticha keessatti beekamtummaa isa argachiise. Fakkeenyi guddaan waa keessa turanii dabarsuu Abirhaam Linkooliin ta’a jedhamee yaadama.

Mudattee Abirhaam Linkoolin Kanneen hadhaa’aa

Yoo waa’ee nama waa hin nuffinee baruu barbaadde bakka biroo hin ilaalin. Liinkooliin hiyyummaa keessatti dhalate. Bara jiraate hundaa keessattis mo’atamuu hedduu arge. Filannoottis dhiyaatee si’a saddeet kufe. Hojii daldalaa keessattis si’a lama kasaaraan irra ga’e akkasumas jeequmsa narviitiinis hedduu miidhame. Yeroo baay’ee nuffee dhiisuu danda’a ture garuu inni addaan hin kutne waan ta’eef seenaa biyya Ameerikaa keessatti pirzeedaantoota gurguddoo keessaa isa tokko ta’eera. Karaan Linkooliin gara mana adichaa/white house/ kan geessise kana ture. Sadarkaa kana irra osoo hin ga’in dura garuu bu’aa ba’ii hedduu bira darbeera. Wantoota bara isaa keessa isa mudatan keessaa kaneen gurguddoon akka kanaa gaditti dhiyaataniiru. Bara 1816tti mana maatii isaatii dhiisee akka bahuuf maatii isaatiin dirqisiifame. Inni garuu isaan gargaaruufis hojjetaa ture. Bara 1818tti haati isaa jalaa duute. Bara 1831tti immoo hojii daldalaa keessatti kasaaraan isa mudate.

Yaalii isaa itti fifuun…

Yaalii isaa itti fufuun bara 1832tti seera biyyattii tumuu irratti dorgomee kufe. Baruma 1832tti hojii isaarraas ni ari’ame. Battaluma sanatti immoo mana seera seenee barachuuf yaalee ture;

garuu hin milkoofne. Muuxannoo daldalaa waan qabuuf, bara 1833tti hiriyyaa isaa irraa maallaqa liqeeffatee hojii daldalaa yommuu inni eegalu kasaaraan isa mudate. Isa booda umurii isaa keessaa waggaa 17 liqii ofirraa kaffalaa jiraate.barri kun erga darbee booda milkaa ‘ina xiqqoo arge. Seera biyyattii tumuu irratti deebi’ee dorgomee mo’ate haa ta’u malee bara 1835tti kaadhimaan inni fuudhuuf kaadhimate jalaa duute. Hamileen isaas ni miidhame. Bara 1835tti haamileen isaa waan baay’ee tuqameef dhibee narviitiin dhukkubsatee ji’a ja’a siree isaarra ciisuun dabarseera.

Adeemsa isaa gara Mana Adichaatti (White house)geessu eegale

Haa ta’u malee erga dhukkuba isaarraa fayyee booda utuu abdii hin kutin bara 1838tti mana marii bakka bu’oota uummataaf dorgomee kufe. Ammas bara 1840tti kaadhimamaa ta’ee dhiyaatee hin milkaa’in hafee ammas itti fufuudhaan bara 1843 bulchiinsa biyyoolessaaf dorgomee kufe.

Haa ta’u malee bara 1846 Bulchiinsa biyyoolessaaf dorgomee mo’achuudhaan gara waashingitan deemee, hojii gaarii hojjete.

Sana booda bara 1848 Filannoo bulchiinsa uummataatti dhiyaatee kufe. Bara 1849 ttis akkasuma bakka hojii bulchiinsa waajjira lafaa irratti dorgomee kufe. Bara 1854 bulchiinsa mootummaa gamtooma Ameerikaaf dorgome kufe.

Bara 1856 Gartuu dorgomtoota isaa keessatti itti aanaa pireezedaantii ta’uuf dorgomee qabxii 100 gadii argachuun kufe.

Bara 1858 Ammas bulchiinsa mootummaa gamtooma Ameerikaaf dorgoomee kufe.

Milkaa’ina Dadhabbii boodaa…

kufaatiifi ka’umsa hedduu booda bara 1860 parzadaantii bulchiinsaa gamtoomaa Ameeriikaa ta’ee filatamuu danda’eera.

Abirhaam Liinkooliin yeroo baay’ee bakka itti inni nuffeee dhiisu qabu hedduun isa mudateera. Garuu innis akkas hin goone sababiin isaas abdii hin kutne waan ta’eefidha. Kanaanis seenaa biyya addunyaa keessatti mootota gurguddoo keessaa tokko ta’u danda’e. Dhumarratti akkas jedhe “Miirri of dirqamsiisanii itti fufuu waanuma hunda keenya keessa jirudha. “Yaalii gochuun hojii hundama keenyarraa eegamudha. Kunis waamichuma hojjichaa akka ta’etti natti dhaga’ama.

Galma tokko ga’uuf kutannoo fi murton barbaachisaadha. Haa ta’u iyyuu malee gufuuf gufaatiin adda addaa fuula namaa dura dhaabbachuun kaayyoon namaa galma akka hingeenyeef mormiin waanuma jirudha. Kanaafuu kufaatiirraa baru malee ittiin abdii kutatanii dhaabbachuun injifannoo waan hin taaneef fuulduratti abdii kutuu dhiisanii hamma dhumaatti itti fufuun mo’ichi akka argamu seenaa Abrihaam irraa baruun ni danda’ama…

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s