Albuuda Qabsoon Boodaa

Screen Shot 2019-08-26 at 11.08.40 AM

Kan akka ”Harriet Tubman” jireenyaa maatii isaani fi haala hunda moo’atan!

Hir’inaafi hiyyuma mataa isa cabseef kan hin jilbeenfanne,halkaniifi guyyyaa jireenya qabsoo abbaafi haatisaa keessa ce’anii as ga’an homaattuu kan hinlakkoofne sarbeessaan ilma maatii qotee bulaati. Gidiraa ijoollummaan mataa isa cabsaa ture hunda har’a isaaf mudannoo godaannisaa hindagatamnedha.sammuusaan kanatti qabamee mul’ata fuulduraa kan akka abiddaa keessaa belbelu ukkaamsuu hin barbaanne.

Abjuu guddaa tokko qaba; innis abjuu saayintistummaati! Waan naannoosaa jiraatan hunda ija falaasamummaatiin ilaala. Mukti, baalli, dhagaan, argi, biqiloonniifi ilbiisonni maal isaan? Ija akkamiin ilaalamuu qabus?kan jedhu gaaffii sarbeessaa isa guddaadha. Barri dhalootasaa 1978 godina Wallagga Lixaa aana Boojjii Birmajjii yoo ta’u, kutaa 1-4 qofa achitti barate. Kana booda sababa du’a akka tasaa abbaasaa Jaal. Immaanaa Inkoosaa irraan kan ka’e, iddoo sana gadhiisee gara magaalaa Naqamtee dhaquun mana namaa taa’ee waggaa lama erga hojii humnaa hojjeteen booda mana barnootaatti deebi’e.

Sarbeessaan akka tasaa gadda sanarraan kan ka’e waan biyyaa ba’eef, haati isa deesse aadde Bookashii Daraaraatti lafti dukkanoofte. Gaddarratti gadda hamaa ilma tokkittii ija keessa ilaaltu sana of duraa dhabuufi du’a abbaa manaa.

Utuu mucaa tokkittii qabdu kana achi buuteesaa quba hinqabaatiin waggaa torba guutuu akka imimmaan cobsitetti turte. Sarbeessaan mana abbaa ormaafi haadha ormaa keessatti hedduu gidiramee ammas ergaan biraan jiraannaan isuma eegu malee ijoolleen warra maatii obbo Fedhasaa Jiraataa ergaafi kurkurrii manaaf alaa hin jaallatan. Qananii qabu. Sarbeessaanis ergaa tokko dhaqee ergaa lammaffaaf yeroo qajeelu utuu imimmaansaa toora afuriin fuulasaarra asii gadi dhangalaasuu dhaqee deebi’a. Guyyaa dhalootasaa abaaruurra darbee gaafa inni tarkaanfii du’aa fudhachuuf aggaame hedduudha…

Jireenyi maali? Hiikkaansaawoo? Namni maaf lafa kanarratti akkas baay’ate? Carraan akkamitti kaan sooressa kaan ammoo hiyyeessa goote laata? Kaan fayyaa kaanimmoo dhukkubsataa maaf ta’a? Uumamni kun kaan adii kaan ammoo gurraacha inni kaanis magaala kunis maaliif? Namni hammamiifi hamma eessaatti jiraata laataa? Kaan waan nyaatu dhabee kadhata; kaan ammoo quufee ittiin taphata. Kun hiree ofiitimoo kennaa uumaati kan jedhu gaaffilee sammuu sarbeessaa keessaa dhidhiittatan keessaa isaan muraasadha. Qabsoon jireenyaa kan haatisaa hojii mana namaa hojjechuutiin nyaata isheedhaaf kennamu ukooshee jala kaa’attee tokkichashee kana ittiin guddisaa turte Sarbeessaatti gaafa yaadataman ammoo dhaabbachuu dadhabee yeroo inni itti ofirra gadi quphanaa ture hedduudha. Yeroo hunda hojii walfakkaataa irratti kan waliin bobba’an hiriyyoo walfakkaataaf waliin walfakkaata wal argan kan akka Elemoofi Likkaasaa yaadaan baduu sarbeessaatti gaaffii cimaa keessa seenanis dhoksaasaa bira ga’uu hindandeenye. Tuttuqanii yaadasaa bira ga’uuf dhama’uun cinatti isa jajjabeessuullee baay’ee dhama’aa turan. Keessumattuu Likkaasaan ‘Jabaadhu’ obboleessakoo gaaf tokko nuufis nidarbaa,… ‘obsi dhagaa cabsa’, obsaan xobbee bilcheeffata’ jechuun yoo itti mammaakellee isaaf homtuu hingalu. Farda yaadaatiin galaana yaadaa keessa gulufa. Yaada walxaxaa kan mataaf miillisaa dhokatee jiru.

Addunyaa kanatu gaaffiin jalaa guutamtee deebii jalaa dandamatte. Sammuu Sarbeessaa keessa gaaffii malee deebiin argamee hinbeeku. Addunyaa gaaffiidhaan guutamte keessatti deebiin mana eenyuutti akka argamu barbaadee dhabe. Elemoon gidduutti Sarbeessaafi Likkaasaadhaa walitti guguungumaa jiran itti dhufee nagaa waaqaa erga gaafateen booda kottaa walfudhannee biyya kana gadhiisnee dhaqneetuma mana xiqqoo kireeffannee hojii humnaa kan guyyaa hojjechuun walguddifannaatii jedheen.

Sarbeessaan gidduutti yaadaan akka baduu ta’eetu qalbiisaa keessattis, wayyoo yaa haadha nadeessee mucaankee jooraan jooratti darbaa haftiiree? ‘Quuqqaa cinaachaa jalaa abbaatu beekkata’ jedheetu ammas imimmaan ija calale. Kana booda dhagaarra ququphananiitu aakka sa’a walakkaaf mariyatan. Likkaasaanis “maaloo hiriyootakoo rakkoo keenya ammaa kanaan abdii kutachuu hinqabnu; maaltu beeka?gaaf tookko barri itti ofirraa hafnee namayyuu gargaarru nidhufa ta’a”jedhee jajjabeessuu jalqabe. Yeroo ijoolleen warra aatii gaarii qabanii taa’anii dabtara isaanii dubbisuu qofa malee hojii humna gaafatu kamiyyuu hin hojjenne taa’aniitu ijaan hawwaa garaan isaanii ammoo mooga’a ture. Likkaasaanis ta’e Elemoon guyyaa hojii humnaa hojjechaa halkan barnoota galgalaa baratu turan. Likkaasaan sa’a laaqanaa gadi hojii kophee qulqulleessuufi sa’a boodammoo buufata konkolaataa Naqamtee keessatti iddoo namaaf qabeetu qarshii funaannata. Elemoon ammoo sa’a laaqanaa gadi saawwan gara laga Soorgaatti yeroo geessu sa’a boodammoo yeroo hundaa kophee qulqulleessuun qabsoo jireenyaa geggeessata ture. Guyyaanis darbee waggaanis dhufee dargaggoonni kun walfudhatanii magaalaa Naqamtee gadhiisuu akka qaban murteeffatan. Guyyaansaa Jimaata hagayya 1996 galgala naannoo buufata konkolaataa cina fuudura mana obbo Olbaanaa Guyyaasaa jala uffata bututaa tokko mataa isaanii qofarra buufatanii bulanii sanbata ganama kan qorri guutummaa qaama isaanii callabbeesse achii ka’uun konkolaataa gara magaalaa Amboo dhuftu keessa seenan. Waanuma hojii humnaan walitti coratan keessaa gatii konkolaataa sanaa kaffalatanii adeemuun Amboon utuu hinga’iin magaalaa Gudar akka ga’aniin sarbeessaan achumatti bu’uu akka qaban murteessuun mariyachiise.

Magaalaa Amboottis dhiyoo akka jiran namootarraa erga qorataniin booda achumatti lafa bubu’anii mana nama yeroof galanii booda garuu mana dhuunfaasaanii walitti dugda bitatan barbaacha ba’an. Namni manasaatti simatu dhabamuusaarraan kan ka’e, gara sa’a sadiin ol erga jooraniin booda ammas dhaqanii mana bulaatii tokko gatii salphaan kan waanuma argatan afatanii lafa bulan qarshii kudhan kudhaniin argatanii guyyaa tokkoof achuma bulan. Kan karaan karaatti darban keessatti akaayii magaalaa Gudar bitatanii isa alanfachaa bulan…….itti fufaa…….

 

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s