Ajaa’iba Finfinnee, Harmeedhaaf

Screen Shot 2019-08-26 at 12.00.57 PM.png

Uumaa waa maraa, gurraacha garaa garbaa, tokkicha maqaa dhiibbaa maqaa waaqayyoon nagaankoo hundumaa dursee si haa gahu. Nageenyi koo inni garaakoo irraa madde, kan onneekoo irraa burqe, gaarreen qaxxaamuree, laggeen ce’ee xalayaan yaadaafi yaaddoo hammatte tun haadha too Harmeedhaaf. Harmee… akkam nagaa naaf jirta? Ni tirattaa? Ni jabaattaa? Fayyaan kee sun akkam sitti jira? Naaf wayyoofte moo, akkuma durii sana… kufaa, ka’aa, ciisaa-taa’aa, osoo kofaltuu aadaa, osoo gaddituu gammadaa waa’ee kootiifi obboleeyyan koo isaan sibira jiran, isaan oliifi gadi hiramaniif garaan raafama? Harmee… anaaf baay’ee akka yaaddu nan beeka! Garuu hin yaadda’in, hin cinqamin, Rabbiin galanni haagahuuti, ani fayyaadha. Biyyas bareen jira.

Screen Shot 2019-08-26 at 11.55.50 AM.png

Garuu xinnoo ishee kan narakkisee ture, diilallaafi baay’ina konkolaattota finfinnee kan osoo walirraa hin citin akka nama loon bishaan obaafatuutti karaa cufanii, hiriira galanii, shu! Shu!, shu! Jedhantu xinnoo na sodaachisaa ture malee waan biroo dafeen baredhe. Wanti laalanii hin quufne, kan argee hin beekne hedduun hanga guyyaa har’aatti na ajaa’iban biroos akka jiru osoon sitti hin himin bira hin darbu.

Harmee too… inumaayyuu wantootni akkan ani si yaadu na taasisan lama tokko siyaaduufi hangan siargutti ariifachuu kooti. Lammaffaan wantootan ani biyya keenyatti yommuun sibira jiru argee hin beekne,kanan amma arge, hamman sitti himutti keessa kootu na sarde. Yaa harmee mee hagan qaamaan sibira gahee sitti odeessutti, isuman xalayaa kanaan siif erge kana siif haa dubbisani caqasi. Garuu akka ati nan taajjabne nan beeka.

Wanti isaa maal seete? Waa’een jiruufi jireenya Yunvarsiitii, inni ani yommuun isin bira ture dhagaheefi innin ani amma argaa jiru “waaqaa lafa, fardaafi lafoodha”Al tokko tokko akka gowwaan kophaa koo kolfa. Yoon of yaadadhu immoo namni maal naan jedha? Jedheen saalfadha.

Yookiin immoo ciiseen dinqisiifadha. “wannumti akkana sigodhu maali?” jechuu dandeessa.

Mee waanuma salphaarraa kaasee sitti himuu haa eegalu. Tokko, ani hanga ammaatti kanan arge nuti yommuu waliin jirru, guyyaatti yeroo sadi sooranna, Ganama -Ciree, guyyaa -laaqana, galgala – irbaata mitii? Amma garuu jiruun Yunvarsitii kan eeyyamtu sadanuu si’uma tokko. Sa’aatii 2-3 ciree, 5-7 laaqana, 10-12 irbaata. Sadanuu kan raawwatan ganama sa’aatii 2, hanga galgala sa’aatiin 12tti. Sa’aatiin gidduu kana jiru kan dhumatu dabaree eeggachuu irratti sanaan booda beela’uu mitii osoo xanneen illee sidhoofte, namni waa sitti ulu hin jiru. Harmee sa’aatii dheeraan jidduu waan jiru sitti fakkaata mitii? Lakki! Ciree, laaqana ykn immoo irbaata argachuuf sa’aatii lama hiriiruun dirqama. Nyaachuuf hiriira, dhuguuf hiriira, mana fincaaniif hiriira, mana bunaaf hiriira, ganamni, guyyaan, galgalli hiriira, hiriira, hiriira… dheerinni hiriira isaa jamaadhuma Dirree sheek huseen deemuuf galaa guduunfatee walduraa duubaan shunquu fakkaata. Nama akka koo haarawa dhaqe yoo ta’e male, jarri kuun mi’eessituufi si’eessituu kanneen akka barbaree, soogidda, qocqocaa fi kan ani maqaa hin beekne peestaaliin guduunfee, cum’ee qabatee hiriira nagaa baha.

Harmee… maalan sidhossaa! Wanti biroo immoo kanan sitti himu, hiccitiidha. Gaafan dallicha seene, irraa eegalee haga dubbichi naaf galutti cinqamaan ture… dabareen ani hoolota tiksu yoom nagaha jedheen eegaa ture. Sababni isaa iddoo hoolaa itti horsiisan haa ta’uu, itti gurguran wanti naaf gale hin jiru malee, “bagtaraan” ni jira jedhu. Guyyaa ho’a keessa, halkan qorra keessa bagtaraa dhaabachuun waan salphaa sitti hin fakkaatiin. Baay’een yaadda’ee ture.booda garuu gaafa dubbiin naaf galu, yommuun bagtaraa ijaan argu, shamarran wandaboo muraa jilbaa olitti haftu, kan gartokkee qaama isaanii mul’isu, warra harma isaanii akka harma dharroo teenya yommuu dorrobduu gubbarratti babaasanii agarsiifataniifi dhiira surree hudduurraa buufatee gamaa-gamanatti babargaafachaa deemu achitti argu kuni bagtaraa osoo hin ta’in fiyaltaraa jedhamuu waan qabu natti fakkaate.

Kana Rabbi sitti hin fidin! Shamarran Fifinnee akka dubartoota naannawaa keenyaa uffataaf baasii guddaa waan baasan natti hin fakkaatu. Handhuura irraa ol muranii gudeeda irraa gadi muranii, duubaan ol baqaqsanii akka eegee re’ee ol dachaafatanii na laalaa jechaa oolu. Guntuta dabalatee qomaa ol waan takka irraa hin fuutu. Qulluma yaa’u. Qorri shaggar kan laphee na dhahe torban tokko na ciibse,isaan hin argu.

Silaa ni arga ta’ee nafa isaanii raasaa oolu sana bira hin darbu ture. Yoo kana, hunda isaanii naaffisa jedheen yaada. Kana maal sitti himeen. Maal dhiisa? Bifa fuula isaanii himuun nama rakkisa. Adii, diimaa, boora, bulee, gurraacha… akkuma abbaan barbaadetti kan argaman natti fakkaate. Garuu kanan ani hanga ammaatti hin argine daalacha. Yeroo baay’ee immoo ittoo hundee diimaa nyaatanii osoo afaan hin haxaawwanne waan bahan natti fakkaatu, akka saree qeeraa ooltee galgala galtuu, hidhiifi afaan isaanii hin mul’atu… kana warri godhan immoo shamarran Fifinnee qofa akka sitti hin fakkaanne. Isheen akka Boontuu teenyaa handhuura aadaafi duudhaa oromoo keessatti guddattee dhuftes, jara fakkaachuuf torban lama itti hin fudhatu.

Inni biroo immoo kan baay’ee nagaddisiise, kan garaa na gube, afaan ofiin akka hin dubbanne, waan kakachiisan fakkaata. Yoo dubbatanis lafa namoonni isaan beekan jiran qofatti. Sana booda onneen isaanii kan raabsitu ‘min naw mindinaw” qofa.”Akkuma dur seetee Jaartiin qullaa lafaa kaate” akkuma jedhan, akkuma durse’ee shamarraniifi dardarran naannawaa keenyaa dhufaniin “nagaadha?” yoon jedhu, akka waan nama hin dhageenyee yookaan immoo nan beeknee na baqatu.

Haadhoo… waan ijoollee dhiiraa immoo waaqsinagarsiisin! Surreen isaan godhatan gadi buutee jilba bira oolti. Paantiin handhuura jalatti ramadamti. Surreen gadi, paantiin oli, lamaan isaanii waan wal baqataniifan wallale. Bitaafi mirga qabattoo surree isaanii irratti, sansalanni hidhaa Boorrii keenyaa fakkaatu, itti rarraafamee yoommuu wal- dhahaa deemu, maraataa hospitaalaa Amaanu’eeli baqatee bahe fakkaatu. Faashina haata’uu, rakkoo haa qabaatanii, hin beeku malee yommuu adeemanis akka nama cophxoon qabeetti babargaafatu. Qubni harka isaanii rifeensa mataa isaanii maraa waan ooluuf, yeroodhuma isaan qalama harkaan qabani hin beeku!

Nadhiisi! Yaa haadha too! Kun waan dubbatamee dhumuu miti. Yommuu walwaaman “anchi” “isheen hin jirtuu” malee “inni hin jiruu” waan jedhamu dhagahee hin beeku. Yeroo baay’ee immoo nyaanni isaan filatan baala… baala waan ta’eef, re’oota bakka bu’aniiru. Dhaadannoo isaan qaban immo “Hanga doolcheen takkaa fi ilkaan takka nuuf haftuutti ni qaamna!” isa jedhudha. Ibidduma nyaatanii, ibidduma warri dhuganis, kan ibiddichi ujummoo funyaan isaa dandeesse lakkoofsa hin qabani.

Harmee jedhi kaa! Atis nanuffitaa, anis dadhabuufan jira, garuu waan dhumaa tokko sitti haa himu! Kana booda dargaggoonni dallaa keenyaa waa’een “Aarseefi maanchee” afaan isaanii keessaa hin dhabamu. Yaa Rabbi!,yaa Raabbi!… yaa Rabbi! Yommuu isaan moo’amuufi moo’uu Aarseefi Maanchee irratti waltumani, buxxiidhaan wal bulleessan, dhaaba manaatti wal rukutan,uffata walirratti kukkutan, didichanii waldidissan, ol fuudhanii waldiriirsan… wayyoo…wayyoo, Rabbi isaanitti nama hin fidin.

Yommuu isaan “balaw…balaw…balaw: maanchee, maanchee, maanche… yoo jedhan, teessoorraan walbaasanii foddaarraan wal buusanii wal haleelan, waraanni addunyaa 3ffaa waan aagale fakkaata. Ani inumaayyuu yoon yaadu, mesi fi Roonaaldoon ilmaan wasiila isaanii natti fakkaatu malee, namni fayyaa qabu dhimma isaa dagatee daqiiqaa sagaltamaaf wal reebuun, waan biraati….itti fuffa….

Screen Shot 2019-08-26 at 11.55.36 AM.png

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s