Jireenya Qotee bula Tura Tashitee
“Ani abba ijoollee 8 ti; shamarran sadii fi dhiira 5. Haadha manaa waliin nama 10. Yeroo sirna Dargii keesssa gara barumsa mootummaatiin diqqoo/xinnoo baradheera. Haati mana kiyyas barattee jirti.”
Waan armaan olii kan nuuf ibse Turaa Tashitee jedhama. Qoteebulaa dhalaata Godina Arsi Lixaa, Aanaa Kofalee, Ganda Gormichoo ti. Waa’ee fooyya’uu jiruu fi jireenya isaa fi qotee bultoota inni qindeessuu haamilee cimaadhaan dubbata. Waan inni gadi fageessee dubbate keessaa tokko qotee bulaan hagam akka oomisha isaatiif gabaa argate ilaallata. Akkas jedhe: “Qotee bultootni keenya ooomisha isaaniif gabaa akka itti argatan hubatanii jiru.”
Fooyyee jiruu fi jireenya isaa irratti akkana jedhe: “Lafa qonnaa bakka lamaa hektaara hanga 7 qaba. Yeroo ammaa dinnicha hanga konkolaataa 4 gurguradheera. Konkolaataa tokko irraa gara Qar. 22,000.00 – 23,000.00 argadhe. Garbuu fi qamadii gara kuntaala 40 – 50 argadheera. Garbu “traveler” akkasuma oomishee gara kuntaala 200 nan argadha. Kun kan dursaa irraa bayyee kan caaludha. Qotee bultootni biroo na duukaa jiranis mana citaa irraa gara qorqorrootti jjiiramaniiru; loowwan biyyaa irraa gara faranjiitti jijjiirratanii jiru.”
Haala gabaa duratti ture ilaalchisee akkas jedhe: “Duratti qotee bulaan keenya gabaa garii hin argatu. Miidhamaa tureera. Miidhama kanaaf garuma itti iyyannu dhabnee hurriin nu fuutee deemte. Garbuu kuntaala tokko gara Qar. 600.00, 700.00 800.00 tti gurgurra.”
Haala jireenya dura ture immoo akkasiin yaadata: “Armaan dura jireenyi kiyyas ta’e kan warra biroo misha hin turre. Qotee bultootni bifa ammayyaa’een hin qotnu. Bifa dhalootni duraanii qotaniin qonna ture. Duratti hektaara tokko irraa kuntaala 8 ykn kuntaala 10 yoo baayyate 20 argatna. Osoo Heineken fi ECCORD gara keenna hin dhufin wanti nu argannu jireenyaaf gahaa hin turre. Daldalaan madaala qabatee taa’ee qotee bulaa saama. Bu’aa gara walakkaa oomisha qotee bulaa kan argatu daldalticha. Qotee bulaan bu’aa dafqa isaa ganna tokkoo hin argatu”
Fooyya’insa dhufaatii Heineken boodaas akkas jedhe: “Heinneken haga dhufee asitti nuti akkaata garbuu ittiin guguran barre. Kana bira lufnee akkaataa kudraa fi mudraan ittiin gurguramu hubanne. Gabaa fooyyee barbaacha asiin gara Adaamaa deemnee akkaataa qamaadiin ittiin gurguramu ilaalla; Diilla deemnee akkaataa ittiin gurguramu iyyaafanna; Waraabe deemnee gaafanna; Habashaa biiraa dhaqnee gatii isaan ittiin bitan ni qoranna.”
Itti dabalees, “Fooyyeen guddaan Heinekenii fi ECCORDiin argame tasgabbii gabaa ti. Qotee bulaan miidhamuu duraanii jalaa bayyee har’a bilisaan saatii barbaade hanga fedhe gugurata. Kuntaala 1 haa ta’u kuntaala 50 ykn kuntaala 100 gurgurata. Waan ofii abbaatu gurguraata. Akkamitti akka gurguratu; eessatti akka gurguaratu (waldaa moo daldalaa gabaa taa’ee saamutti) isa jedhu qoteebulaan baree jira.”
Fooyya’insi armaan olitti eerame argamuuf deggersi gumaacha leenjii fi barnootni adda addaa dhaabbilee lameenii ta’uu ifa taasisaniiru Ob. Turaan. Cuunfaan isaa wantoota armaan gadii ti.
Leenjii fi oggummaa: Leenjii illachisee, “ECCORD fi HEINEKEN waliin hojii kan jalqabne bara 2006 ture. Ergasii as garbuu traveler fi grace jedhamu gara biyya keenyaa seensisan. Isaan dura garbuun ture sanyii bara dheeraa isa moofaa ture. Sanyii haaraa kanaan wal-qabatee HEINKEN fi ECCORD barumsa adda addaa nuu kennan. Sararaan qotuu; kemikaala itti biifuu; hektaara tokkoof qorichi hagam akka gahu beekuu; miidhaa kemikaalli fidu akka hin uumamnetti of eeggannoo (nageenya ‘Safety’) gochuu; fi itti fayyadama qorichoota adda addaa irratti barumsa nuu kennan. Hubannoo kana irraa argadheen ani illee akkataa galii fi baasii itti qabadhu; akkamitti akka jireenyi maatii fooyya’u; akkamitti akka akkawuntii banatan hunda maatii kiyyatti nin himaa.”
Gama birootiin barumsa argate irratti hundaa’ee tajaajila qotee bultootaaf kennaa jira: Sanyii filatamaa ni dhiheessa; kemikaala ni dhiheessa; kan rakkateef maallaqa ni liqqeessa; xaa’oo bitachuu fi itti fayaydama isaa irratti nin gorsa jedhe. Kana malees gara araddaa isaanii dhaqee tooftaa sararaan facaasan itti agarsiisa; kemikaala itti biifan agarsiisa. Kemikaalli hagam akka midhaa fidu itti hima. Si’a facaasiitiin durattis ta’e sana booda leenjii kennaaf. Guyyaa waltajjii (Field Day) kan jedhaniin araddaa irratti barumsi ni kennama. Qotee bultootni na duukaa jiran yeroo ammaa sanyiin facaafamu qorra jalaa ykn waagii jalaa akka damdamatu; yeroo kam rooba ykn caama akka damdamatu; akkaataa itti fayyadama xaa’oo (aturiyaa, yuriyaa fi daappii) hubanne, jedhe.
Tooftaa Heineken liqaa ittiin kenne: Ob. Turaan tooftaa liqaa kenname irratti akkas jedhe: “HEINEKEN yeroo garbuu biiraa traveler fi grace fide dursa liqiin qotee bulaa kenne. Yeroo midhaan gahu liqaa sana deebisa qotee bulaan. Itti aansee %50 liqii kennee % 50 of biratti hambisee yeroo midhaan gahuuf. Sadeessoo irratti of danda’aa jedhee qotee bultootaan. Ani illee HEINEKEN bira dhaqeen bakka sanyiin filatamaan jiru irraa fideetiniin qotee bultoota na duuba jiran 200f kenne.”
Deggersa dargaggootaaf godhame: Gama deggersa dargaggootaaf kenname irratti yoo dubbatu ACCORD waliin hojjechuun dargaggootni gandaa lafa goobee irraa hektaara 100 kan ta’u akka argatan taasifame jedhe. Isaan dura qotee bultoota maallaqa hin qabne haga aanaa (Kofalee) fi godinaa (Shashamannee) deemee gargaaraa ture. Akkuma kanaan baasii geejjibaa fi nyaataa (shiroo) kenne. Qotee bultootni 100 kun qotatanii bara dhufuuf illee garbuu traveler akka itti fufan ta’uu dubbateera.
Deggersa qaama midhamtootaaf godhame: Ob. Turaan haala qaama midhamtootaa irratti akkas jedhe: “Nama deemee bakkaa bakka gahuu hin dandeenyetu jira. Kaan gaarii dhaan deemu. Kan biroo bakka taa’etti mana kaa’anii nyaata soorata. Ka ija ofiitiin hin arginetu jira. Kan gurraan hin dhageenyetu jira. Kan akkasumaan callisee ilaallanii dhiyaana qofa kennaniiftu jira. Qaama miidhamaa ganda kana EUCRD irraa barumsa argadheen gadi bu’ee qotee bulaa namoota 32 gurmeesse. Kanas qaama olaanaa godina fi aanaatti beeksiseen jira. Ayyama ofii argataniiru. Mootummaanis waan isaan barbaachisu gaafachuu irratti jiru. Heinekenis gargaarsa godhaa jira.”
Deggersa dubartootaaf godhame: Akka Ob. Turaan jedhetti waldaan aananii dubartoota miseensota 25 qabu gurmeeffameera. Waldaan aananii kun gabaa soqataa jira. Mootummaa dhaanis gabaa nuu soqii jedha. Akkasumas gurmuu kanaan waldaalee bira dhaqanii deggersa soqaa jiraachuu isaanii ifa godheera.
Dhiibbaa Dhuunfaa: Akkuma ibsameetti, Turaan kan guddate maatii qonnaan bultootaa keessattii , rakkoo hedduu dabarsuudhani. Qonna irraa bu’aan argamuu xiqqaachuu, sanyii filatamaan jiraachuu dhiisun, oomishaaf gabaan fi beekumsi ga’an hin jiru. Kun immoo waggaa dha waggaatti rakkoodha. Obbo Turaan nannawwaa sanatti qonnaan bulaa yeroo jalqabaaf dhaabbata EUCORD waliin hojjachuu jalqabee yemmuu ta’u, yeroo sana kaasee, qonnaan bulaa modeelii ta’udhaan, jireenya qonnaan bultoota nannoo isaa jiraani foyyeessuu keessatti ga’ee guddaa taphate. Beekumsaa gabaa foyya’ee argachuu fi leenjii fudhachuun, sanyii filatamaa, investimentii xa’ootiin,fi mala qonnaa amayyaa ta’e fayyadamuun, inni fi namoonni biro jireenya isaani jijjiruu fi ilaalcha ijoollee isaani jijjiruu danda’aniiru. Amma inni boruuf abdii qaba. Hojii qonnaa gama adda adaattin babal’isuu fi investimentii hojjachuuf rakkoon fayinaansii jira..
Dhaamsa: Ergaan qabu qaamni mootummaa qaama miidhamtootas ta’e qotee bultoota deemee jajjabeessuu qaba. Baadiyyaa kana keessa gadi bu’anii kana arguu barbaachisa. Gama kanaan hanqinni jira. Qaama miidhamtootni dhaabbilee adda addaa irraa gargaarsa barbaadu. Ergaan guddaan mootummaa fi Heinkeniif qabu mootumaan gadi bu’ee waan kana akka ilaalu kan jedhu dha. Qaama midhamtota gurmeessanii akkaataa isaan hojjechuu danda’anitti dalagaa ykn kan biroo akka argatan gochuu; bal’ina hojii irratti akka hiramaatanii fi furmaatni argamuttin isaaniif hawwa. Deggarsa dargaggootaaf gochuu irratti Heinkeniin ykn ACCORD leenjii adda addaa kennuufii fi mootummataan hordoffii gochuu barbaachisa.