Aadaa Oromoo keessttii geersrsi gosa afoola ta’ee yeroo adda adda tti saba keenya birattii beekkamaa fi jaallatamaadha. Hawaasni keenya miira isaa kan ittin kan itti ibsachaa turee fi ibsachaa jiru dha. Mirrii kennuun gammaachuu, gaddaa, goorummaa fi kunnen birooti.
Geerarsa yeroo bayyee kun fayyadamnuuf gootummaa farsuu fi onnee horchiisuuf yemmuu ta’u, dur irraa kaasee hawaasni Oromoo yeroo diina isaa loluuf deemuu fi erga hinjifatee deebi’e booda, yeroo adamoo deemamuu fi yeroo ajjesanii deebi’aan nama gootummaa rawwatee jajjabeessuf ni geerarama.
Namootattii onnee horsiisuuf, fakkeenyaf:-
Arfaasa qotaan malee
Birraa maal aramatu?
Qeerruumman kuusan malee
Fuunaan maal dabalatuu!! Jechuudhan dargaggonni osoo hin fuudhin dursa qabeenya horchuu akka qabaatan onne itti horu.