Geggeessummaan maal fakkaataa?

Geggeessummaa hojii kee keessatti.hawaasa kee keessatti ykn jaarmiyaa kee keessatti yeroo ta’u arguu dandeessaa?

Gaggeessummaa hojiin arguuf bu’aawwan sadan kana barbaaduu si barbaachisa. Isaanis: kallattii.

Kallattiin maal fakkaataa?

Namni kamiyyuu mul’ata yookaan galma kooti kan jedhudha.

Namoota waan milkaa’ina hundaa fakkaata jedhanitti waliif galu.

Hiriirsuun maal fakkaataa?

Nama kamiif iyyuu gahee fiitti gaafatamummaan walii isaanii ifaadha.

Namootatti walitti qabamni fi qindoominni akka jiru itti dhaga’ama.

Of kennuun maal fakkaataa?

Namootni milkaa’ina gartuu kanaaf yaalii irraa hafaa ta’e ni kennu

Amanamummaafi itti gaafatamummaan namatti dhaga’amu ni jira.

Namootni hojichaaf fedha guddaa ni qabaatu.

Geggeessummaa sirriif fakkeenya gaarii ta’uu kan danda’u taa’umsa mana keessan keessatti argitan barcumadha. Tokkoo miilla barcumichaas bu’aa geggeessummaa irraa argamu keessaa tokko bakka bu’aa: kallatti, hiriirsuu fi ofkennuudha. Barcumni mana keessan keessa jiru kun miilli isaa tokko gabaabaa yoo ta’e irra taa’uuf baay’ee rakkisaadha. Geggeessummaa gaarii keessattis kun dhugummaa sadan (kallattii, hiriirsuu fi ofkennuu)-n kanaan alatti geggeessummaa sirrii argachuu hin dandeenyu. Yommuu kallattii, hiriirsuu fi ofkennuu dhugoomsuu barbaadutti ‘geggeessaan’ akka geggeessummaan ta’u godhu tokko akka hin jirre ni hubatta. Egaa gochawwan, walitti dhufeenyi, ofkennuu fi wal-jijjiirraan namoota hedduu geggeessummaa sirriin akka taasifamu gochuu ni danda’u. Kallattiin, hiriirsuun fi ofkennuu uumuuf namootni adda addaa gahee isaanii taphachuu ni danda’u.

Geggeessummaa keessatti yaada kallattii, hiriirsuu fi of kennuu jedhu keessatti yoo ilaalte, yommuu namootni hedduun keessatti hirmaatan attamitti akka gochaawwan yaada kana keessa hin turre “geggeessu” illee oomisha geggeessummaa irratti gahee ol’aanaa taphatan haala fooyya’aan ni argita.

Kanaafuu, yeroo geggeessummaa fooyyeessuun si barbaachisuuf carraa hedduu hojii kee keessaa, jaarmiyaa kee keessaa, hawaasa kee keessaa qabda jechuudha.

Kutaa geggeessummaa Addunyaawaatiin

Center for creative Leadership (CCL)irraa

barreeffama argame

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s