Seenaan Akkoo Manooyyee har’as waan hedduu nu barsiisaa!!

Bara durii keessa jaartiin Akkoo Manooyyee jedhamtu takka angoo/taayitaa /aargattee turte. Angoo isii kanaan wonta ajaa’ibaa raawwataa/hojjataa turte. Yeroo  angoo irra jirtutti akkoon mannoyyee turte tarkaanfii asii gaditti ibsamaan tartiibaan ummata ishee irratti fudhatte:

Jalqaba namoota gabaabaa lafarraa fixaa jettee murtii labsite. Akka yaada akkoo mannoyyeetti namoonni gabaaboon qaroodha.  Yeroo adda addaatti yeroo isiin ajaja adda adaa ummatni akka raawwatan barbaaddu, namoonni gaggabaaboon ni mormuun. Dubbiin isaan injifachu hin dandeenne. 

Kanaaf dubbiin isii akka nammoota qaroo kanaan akka jalaa hin fashaleefi. Walumaagalatti nama isii mormu waan hinbarbaanneef murtii kana fudhattee. Battaluma sanatti jaarsi gabaabaan tokko , “ mee waan isinii toluuf qabaa boolla keessatti nadhoysaa nahanbisaa jedhee.”  namootta ajaja akkoo mannooyyee hojii irra oolchuutti jiran gaafatte. Isaanis tolee jedhanii jaarsa kana osoo hin ajjeesin hambisan.

Erga namoota na morman ykn yaada kiyya afoo dhabbachuu dandan’an (namoota gaggabaaboo) jettee amantu erga ajjesisiiftee raawwattee booda , ajaja jajjaboo enyuuyeroo sanatti  fala itti argachuu hin dandeenne dabarsuu eegalte.

Ajajinni isa duraa:  lafaa fi samii jiddutti mana naaf ijaaraa jettee ajajje. Namoonnis dubbin kun waan isaan rakkiseef fala dhabanii jennaan jarsa gabaabaa na’awwaalaa jedhe san bira dhaqanii furmaata gaafatan. Jaarsichi dubbiin geette itti yaadde fala gabaabaa namoota isa gaafataniitti hime. “Akka jettaniin, nuti mana siif ijaarraa garuu dhoqqee abbatu buufataa ati buufadhu”  jedhaanii jedhe. Namootni akkoo mannooyyeetti deebi’anii deebi’anii  akkumma jaarsi gabaabaan jedhe jedhanii itti himanii jennaan namni gabaabaan hafee jira jette.

Ajajinni isa lammaffaa: mana ani keessa galu kana usoo asii hin sochoosin balbala isaa kana gara gaaraatti laalchisaa naa baasaa jette, isaanis akkuma duraa san jaarsa gabaabaa  bira deemanii furmaata gaafatan.  Jaarsi akkana jedheen  deebiseef  “yoo isiin rafte balbala mana isii kan duraa cufaattii kan biraa gara gaaraa laalchisaa banaafii jedhe.

Kana booda hifattee jennaan akkana jette “wonta fardaa gadii kan harree olii naa fidaa nayaabbisaa” jette ajaja dabarsite. Toleekaa jedhanii harree-diidoo fidaniifii yaabisanii irraatti hidhanii gad dhiisan,kana booda harreen fuutee halayyaa irraa gattee akkoo mannooyyee achitti hambifte jedhama.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s