Seenaa Gotaa Oromoo Garasuu Dhukii Kutaa Lamaffaa

Geggeessitoonni Xaaliyaanii fi baandaan sodaatanii yeroo hedduu araaraaf jaarsa itti ergaa turan. Garasuun gargaarsa uummataa fi onnee waan qabuuf shiraa fi kiyyoo isaanitiin qabamuu hin dandeenye. Roorrisaan biyya abbaa qabu gabroomfate fi baandaan biyyaa isaa saamsisuun alagaa jala kaatu ramaca caalaa isa guba ture.

 Keesumaa uummanni Itoophiyaa Xaaliyaanotaan Finfinneerratti ajjeefame ijasaa duraa baduu dide. Guyyaa tokkollee osoo miila isaarra rasaasan rukutamee loltoonni harkaa dhumanii kanneen hafan ammoo isa gatanii deemanitti akkas jechuun yaadannoo isaa barreesse. “Ani Garasuudha; hojii koos xumureera; du’us giroo koo miti; kan na yaaddessu garuu Finfinneen bakki uummanni koo irratti dhume bilisa baatee osoo hin argin du’uu kooti” jedhe.

Haa ta’u malee, yeroo marfame sanatti diina jalaa ba’uun madaan isaa fayyee loltoota abdii kutatanii faca’an walitti qabuun lola itti fufe. Dhumni hojii gootummaa Garasuus lola Jimmarratti Xaaliyaanii wajjin geggeeffame. Garasuun loltoota diina kan Jimmarra buufatan marsuun yaaddesse. Loltoota Garasuun hoogganuun marfamuu cinaatti oduuun biyyatti deebi’uu mootii Hayilasillaasee fi gargaarsi Ingilaandi waan dhaga’ameef, odoo dhiigni hin dhangala’in loltoonni Xaaliyaanii warri naannicha akka harka kennan taasise. Kumaalaa Garasuunis, Hayilasillaasee fi uummata Itoophiyaa biratti gootummaa fi tooftaa lola isaanitiin hundaa olitti dinqisiifame.

 Kanarraan kan ka’e, waamicha mootirraa taasifameen loltuu isaa Shawaa Lixaa kan qabsoo finiinsaa turee fi Jimmaan kan bilisa baase mara dhiisee Finfinnee deeme. Marti namaa ajajaa waraanaa biyyattii ta’a jedhee eegaa ture; innis akkanatti of beeka ture; hojiin isaas kanaa gadi miti. Mootiin garuu biyya Oromoo fudhachuun olaantummaa na dhabsiisa jechuun waan shakkeef, bulchaa konyaa Caboo fi Guraagee taasisuun muude.

Mootummaa erga tajaajilaa turee booda soorama ba’e. Sana malees, Garasuun hin dhukkubsate. Dhukkuba isaa kana ogeeyyiin biyya keessaa waan dadhabaniif, qabeenyaan isaa hundi gurguramee ilmi isaa Kumalaa Tafarraa Garasuu biyya Ingilaanditti geesse akka yaalchisu ta’e. Achittis fayyuu akka hin dandeenye waan hubataniif, gara biyyaatti deebi’e. Dhukkubni isa qabes kaanserii ture. Dhibeen kun daran itti cimee waxabajjii, 1966 lubbuun isaa dabarte.

 Ulfinan jiraatti dhabe du’aatti hin barbaadu jechuun wayita lubbuun jiru bakka gootonni Itoophiyaa hundi itti awwaalaman Bataskaana Sillaaseeodoo hin taane, kan ofii isaa ijaarsise Bataskaana Cafoo Mikaa’elitti akka awwalan waan firoota isaa kakachiiseef, sirni awwaala isa achuma Maaruutti raawwatame.

Maddi: Odeffanno Hawwaasaa fi Internet irra,

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s