Oduu  Durii 

Karaa deemaaf mana namaa

Namicha tokkotu karaa deemaa ture. Osoo dhuma akaraa deemuu aduun itti dhiitee jennaan mana guddaa karaa gubbaa jiru tokko akka bulchaanif kadhatee buluuf  gore. Warreen abba mana akka bulu heeyyamanif.  Innis yeroo mana seenuu haati mana lukku qaltee itoo isaa hojjachaa jirtuu arge. Yeroo hirbanni gahu haati mana karaa deemaa kanaaf Lukku kennuu diddee maatiin manas waan biroo dhiyeefatanii yaachuu jalqaban. Osoo dhumaa nyaachaa jiranuu indaqqoon kormaan qooxii gubbaadha iyye.

Namichii inni karaa deemaan suni akkas jedhe “ani ergaan dhaladhee Lukkuudhumaan jibbaa foon Lukkus nyaadhee hin beekuu jedhe” achumaan warri manas erga inni foon lukkuu hin nyaannee maaliif nuti fidannee hin nyaannuu jedhanii fidatanii yeroo isaan foon Lukkuu dhiyeefatanii nyaachuu jalqaban karaa deemaan sunis ittuma siqee waliin nyaachuu jalqabe. Haati manaas gochaa isaa kanan waan baayyee aarteef maal namichoo foon Lukkuu nyaadhee hin beekuu hin jenne ?, jetteen! Lakki omaa nan godhu garaa naqabaa malee nyaadhee yoo garaan narakkiseef baheen bobbaabaha jedheni. Warreen manas garaa keessaa aaraanii nyaatanii erga xumuranii boodaa rafani.

Erga rafanii boodaa mucaa isaanii durbaa guddoon kutaa biraa keessaa raftee innis kutaa biraa rafe, karaa deemichi , rafanii yeroo sa’aatiin achii gara halkan walakka gahuutti suutaa jedhee bakk aciisichaa kennameefi ka’ee gara kutaa intallii jirtuuti qaxxisee seene. Yeroo suutaa jedhee intala bira gad ciisuu intalli hiribaa kaateee enyuu? Eenyuu? Jette itti iyyite, didee ofirra darbate, yeroo maatiin dammaqani ibsaa ibsaan namichi surree kewwachaa jira. Yeroo kana maal namichoo maaltaatee?  Nimaratee? Jedhee. Abbaan mana yeroo baduu isa baasuuf itti deemuu lakki maaloo namichoo adara narukutin galgala foon lukkuu nyaadheen garaan nadhukkubee bakkan ta’uu dhabee oliif gad, osoon  nannaawun dukkanan mucaa kee bira dhaqe malee waan biraaf miti jedheen sobee. Abbaan manas galgala foon lukkuu nu jala fixe agabuu nu bulchitee amma sobdee mucaa koo biraa seentee kannaf ati hatuuf sobduudha jedhee uleen gobee ari’ee jedhama.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s