Mootittiin kun saanduuqa ishee akka argattuu gargaaruu dandeessa?
Itti dhiyaadhaa!
Hibboo
Mootittiin kun saanduqa ishee dhabde!
Namoonni mi’ooftuuwwan ishee jalaa hin nyaanne dhugaa himu. Isaan warri hatanii nyaatan ammoo soba dubbatu.
Wayita gaafataman, naamoonni shan akka armaan gadiitti deebii kennan…
Nama 1: ‘Nu keessaa namni tokko nyaateera’
Nama 2: ‘Nu keessaa namonni lama nyaataniiru’
Nama 3: ‘Nu keessaa namonni sadi nyaataniiru’
Nama 4: ‘Nu keessaa namonni afur nyaataniiru’
Nama 5: ‘Nu keessaa namonni shan nyaataniiru’
Namoota meeqatu amanamoo dha? Warri/kan dhugaa dubbate Eenyu?
Deebii isaa argachuuf gara gadii ilaali
Deebiin Isaa:
Deebiin isaa Nama 4ffaa qofatu dhugaa hime. Ati bifa addaan hiikte ta’a, akki itti hibboo kana hiikan tokko kan armaan gadiiti.
Walumaa galatti, deebii tokko qofaatu sirrii ta’uu danda’a. Kunis namoonni hundi waan gara garaa waan dubbataniif, isaan keessaa tokko qofatu dhugaa himaa jira.
Isaan keessaa tokko qofatu dhugaa hima taanan ammoo afran hafan sobaa jiru jechuu dha. Warra nyaatanitu soba waan ta’eef namichi 4ffaa sirrii dubbate jechu dha.
Namoonni shananuu sobaa jiru yoo ta’e, namichi 5ffaa dhugaa dubbate jechuu. Kun ammoo hima kan ‘warra hin nyaanne dhugaa hima’ jedhuun wal faalleessa.
Kanaafu, nama 4ffaa qofatu dhugaa hime jechuu dha.
Maddi Fuula BBC. Afaan Oromoo