Yeroo boqonna keessani maal hojjachuun dabarsitu? Kessattuu barattoonni yeroo ganna kana hojii tola ultummaa hojachuun yoo dabarsitaan bu’alee armaan gadii ni argatu jedha maddi tokko.
1. Maliif hojii tola oltumma hojjadha?
Hojii tola oltummaa namoota gargaarsa barbaadaniif gargaarsa kennu dha.Bu’aan isaa garuu siif dachaa kana caalaa.Hojii tola ultumma dhiphina samuu hir;isuuf, yaadoo hir’isuuf, samjuu keenya hojii isaa haalan akka hojjatu gochuuf ni gargaara. Akkuma hojii tola oltumma heddu hojjannu bu’aan arganuus bayyata jechuudha.
2. Hojiin tola oltummaa gammadaa si taasisa
Nama gargaarun gammachuu siif kenna.
3. Hojii tola oltummaa namoota waliin akka walitti dhufeenya qabaattu taasisa
Yeroo hojii tola oltumma hojjattuu, namoot waliin walitti dhufeenya qabaatta.Kun immoo hariiroo hawaasa waliin qabdu siif cimsa.
4. Hojii tola oltummaa Yeroo hojjattu hiriyoota harra horata.
. Bakka hojiif deemtutti hiriyoota haara qabaatta. Namoota kunnen waliin hojii qoodachuun salphatti rawwachuu dandeessa.
5. Hojii Tola oltummaa yeroo hojjattu dandeetti walitti dhufeenya haawasaa kee giddiftA
Namoonni tokko tokko yeoo gabaaba keessa nama waliin hawaasumma uumu danda’u, namonni tokko tokko immo ni qaanefatu. Hojiin tola oltummaa akka jireenya hawaasumma keenya cimsanuuf karaa nuuf bana.
6. Hojiin tola oltummaa dhiphinnaa irra bilisa ta’uuf nu gargaara
Yeroo bayyee namoonni kan dhiphatan yeroo qofaa isaani ta’aniidha. Akkasumas yeroo tokko tokko samuun keenya hojii waan hin dhabneef gara dhiphinaati deema. Garuu Hojiin qabamnu samuun keenya wa’ee hojii sana akka yaadu taasifna.
7. tola oltummaan Dandeetti ofitti amanamumma keenya dabala
. Bakka hojjanutti dandeetti keenya fayyadamuun meeshalee fi beekumsa qabnuun dalagna. Bilisaan hojjachuun kee immoo gammachuu siif kenna.
8. Hojiin tola oltummaa fayyuumma keenyan akka turru nu gargaara
Yeroo hojii tola oltummaa hojjanuu sosochii qaama taasifna. Hawaasa keessa deemu dandeenya. Hojitti qabamtee bakka bakketti deddebi’uu dandeessa. Kun immo fayyuma keef murtessadha.
9. Hojiin tola oltummaa carra hojii kee furduraaf karaa siif bana
. Wantonni har’a hojii tola oltumman hojjattuu boru hojii keef muuxannoo siif kenna. Yeroo hojiif dorgomtuu ille carra dursa argachuu malta.
10. Hojii tola oltumma hojjachuuf dandeetti adda qabachuun sirraa hin eegamu
.Nama namaaf yaadu fi yaada qajeela qabu ta’uu ga’aadha.
11. Dhaabbanni tola oltumman hojjatuuf filannoo garii akka filattuf si gargaaru
Hunda caala mi’a kan ta’e yeroo kee waan kennituuf bakka itti gammadde hojjattuu siif kennamuu qaba.
Maddi: Interneti irraa gara Afaan oromootti hiikun kan madakfame.