Magaalaa Amboo

Seenaan Magaala Ambo kan barreffamee dhumu ta’uu baatus  mee hanga tokko isiinif qooda. Ambo magaalaa Oromiyaa gara dhihaatti aanaa Amboo keessatti argamtu. Magaalaan Amboo naannoo Oromiyaa godina Shawaa Dhihaa kessatti argamti. Magaalaan kun Finfinneerra gara dhihaattii Kiilomeetira 125 fagaattee argaamti. Ol ka’iinsi lafaa naannoo Amboo meetira 2101 yeroo ta’u laatiitiyuudii fi loongitiyuudiin ishii 8059’N 37051’E ta’a.

Ambo waan baayyedhaan beekkamti. Kana keessa tokko hora (mineral water) Ambotti. Warshaan hora kanarraa Bishaan Amboo oomishu magaalaa Amboorraa kiilomeetira 5 fagaatee argama. Kan biraa dhagaa mana ijaarsaaf oolu dhagaan Amboos achumatti argama. Manneen naannoo sana baayyeen kan ijaarraman dhagaa Amboo kanaani.

Ambo bishaan oo’aa(hot spring) lafa keessa burqu qabdi. Bishaan oo’aan kun bashannanaafis ta’ee fayyaa ofii eeguuf tajaajila guddaa kenna. Ambo naanno ishiitii iddoowwan turistii harkisan baayye qabdi. Kana keessa Finca’aa GudarFincaa’aa HulluuqaaHaroo Wancii, fi kkf kaasuun ni danda’ama.

Ambo keessa Yuunivarsiitii tokkoo, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa lamaa fi manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa baayyetu jira. Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Amboo mannen barnoota gurguddo Oromiyaasta’e biyyattii kessa jiran keessa tokko.

Akka lakkoofsa uummataa bara 2005tti, magaalaan Ambo uummata 49,421 qabdi. ibsaa turuu isaaniiti. Kana jechuun waggotaa hedduu duraadha. Amman tana baayyini uummaticha dacha illee ta’u mala.

Maddi:- Internet fi Odeennaffanno.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s