Beekumsi karaa adda addaatiin ilaalama. Kaan akka waan hubatamee itti jiraatamumaraatti fudhata. Gariin ammoo, adeemsa saayinsa waan wal-qabsiisa. Namoonni bu’uura ogummaati jedhanis jiru. Marti isaan iyyuu tajaajila isaarratti xiyyeeffatan. Hiikni kennamu hamma fedhe baay’atulle, kal-heddee (multidimensional) ta’uu fi jireenya hawaasaatiif gumaachuun isaa hubatamuu qaba.
Maddi beekumsa kanaa maali? Gaaffiin jedhu garuu deebii barbaada. Maddi beekumsaa hedduudha. Karaalee kana keessaa Muraasni rakkina, dubbisa, muuxannoo, umrii fi shaakalata’uu danda’u. Eenyuyyuu rakkaachuu kan hin barbaannee fi rakkina Kan jibbu ta’ullee, rakkinni madda beekumsaa ta’uun isaa
Gama gaarummaa isaati.
Namni tokko hammuma rakkatee sammuun dhiphachaa deemu, jireenyis bitaa itti galu, keessa ba’uuf bu’ee baha; kufees ka’a. Wal’aansoo fi
Almii akkasii keessaan xurree ifa isaa garsiisuu argata. Haalli kun nama rakkate hundaaf ta’uu baatullee, kan isachuun falmateef, buusee baasee ifaajeef karaa injifannoo, kan dhumni isaa mirgaa fi gammaachuu irraan ga’u waan ta’eef, abbicha beekumsa horachiise jechuudha.
Achii –as- dhufa ilmanamaa yoo ilaalle, falmii taasifametu ifa agarsiise. Ifa kanatu dukkana mo’atee gufuu jireenyaa fi xurree beekumsaa ittimul’isa.
Haala kanaan, barri dukkanaa darbee barri haaromaa dhufe. Jiruu fi jireenya gufuun hadheesses dhandhama gaarii horachiise. Kun ammoo, muuxannoo ta’ee, isa keessa darbeef beekumsa, isa argee dhaga’uuf ammo dhugaa baatee fi fakkeenya gaarii ta’e. Muuxannoo kanarraa baruun ga’ee dhaloota haaraa waan ta’eef, fudhatee akka madda beekumsaatti itti gargaarama. Of cinaa waan argateefis, hojiirra oolmaan isaa battalummaa qaba.
Galatooma!
Maddi : Internet