Warri nagaa eegu
Naguma eegani
Warri nagaa beeku
Naguma deeganii
Naguma faarsanii
Saan nagaa beekani
Nagaan kan isaani
Isaan deegsisani
Warra nagaa sani
Kan laalaa darbani
Afaan maalin qaba silaa nan lallaba
iyyee iyyesiiseen
Amma baddaa deema
Olis akkasuma
Eenyuun birmatama?
Kan saani waa lama
Gurrat dubbii fila
Yookaa immoo tuffiidha
Gurraa jaraat hila
Maddi: Kitaaba Edanas