Tapha Ijoollee:-

Taphni kun goodinoota Oromiyaa adda addatti ijoollen kan taphatan yemmuu ta’u, yeroo baay’e maatii keessatti galgalaa galgalaa  maatiin karaa itti ijoolle barsiisaniidha. Taphni” IBBANTEE” jedhamuu kun dandeetti ijoollen waan tokko yaadachuu isaani kan itti shaakalaniidha. Akkasumaas haawasni olla isaani miseensa maatii meeqa akka qabuu fi ijoolllee dhiiraa fi shaamaranii hangam akka qaban karaa ittin wal- baraniidha. Seera tapha kanaa keessatti namni tokko ni gaafata, namani tokko ykn tokko ol- deebii kenna. Abbaan gaafatuu sun maatii olla isaani jiraan tokko fudhachuun,  maqaa dhoksaa kennun , maatii eenyuu akka ta’aan gaafata. Carraa deebii sirrii deebisuu yeroo tokko ykn lama kennu danda’a.

Fakkenyaf:-

Abdi:- Ibbante;

Waaqo:- Tee..

Abdi: Jibichaa lama, Raada tokko, abba manaa fi hadha  mana!

Waaqo:- Maatii warraa Obbo __________________

Abdi:- Argateerta….

Haala kanan ijoollen tapha kana taphatuu

Nannawaa keessanitti taphoota akkamitu jira? Nuuf qooda,

Galatooma

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s