Kan Qofaa Nyaatu, Qofaa du’a

Waraabessaa Dullomaa tokko fi ijoolle  isaa wajjin  waan nyaatan dhaban. Nannawwa isaani hunda keessa deddebi’anii barbaadan. Isaanis abdii isaani kutatanii gara mana isaanitti deebi’uuf ka’an. Laftis bari’uuf ga’ee ture. Karaa Irratti Harree tokko argatan, Isaanis harricha lafaan dhayan.

Kana booda Waraabbessi  inni abban ijoolle isaa ofirra ari’ee qofaa isaa nyaachuu jalqabe.Erga Nyaate quufe booda ilmaa isaa , isaa tokko  gurra harre tokko itti darbate, Ilma isaa , isa tokkof waan tokko ille osoo hin kennenif lafti bari’e. lakkii yaa abba keenya amma lafti bari’ee haa deemnu jedhan. Inni callisaa hin bariine, kun aduu osoo hin taane adeessadha jedhen.

Yeruma kana abbba harreen jala bade sun barbaacha dhufe. Isaanis faggotti argan. Yeroo kana dheensuu jalqaban. Haata’u malee Warabbessi inni abban baayee waan quufef fiiguu hin dandeenye. Ijoollen isa garuu dafanii fiigan. “ Ijolle koo… ijolle koo .. maaloo nagargaara! Maaloo nagattani hin fiigina jedhe. Ijoollen isaas “ maal nuuf kennite  yaa abba keenya? Akkuma Nyaattetti fiigii !jedhaniin.

Dhuma irratti Abbichi harree warabbessa sana eebodhan waraane. Bakki waraaname sun bakka hamma waan tureef osoo hin du’in dura baayee rakkate. Ijolle isaa akkuma isaa beela’an sanaan nyaaticha qoodu dhisuu isaatti baayee gaabbe,

Mee Ergaa maali qaba jettu?

Advertisements