Mee har’aa immoo Hiibboo kenneni bohaara
Utuu deebii hin ilaalin dursa deebi keessan kenna
- Hiibboo: Asii Yuusee laga gamattii nyaate.
- Hibboo: Galgalaa Facaaseen, ganama dhabe.
- Hiibboo: Ganamaa ol-deemti; galgalaa gad- deemti.
- HIIbboo : Ilmoon haadhaa keessaa baate, haadha dhiiti.
- Hiibboo: Ilmoon ni deemna jetti, haati in teenya jetit.
- Hiibboo: Lafee hin qabuu Ija hin dhabu.
- Hiibboo: Harkaan Facaasanii ijaan guru.
Deebii,,,
1.Qawwee ykn Rasaasa
2. Urjii
3. suurree
4.Kibriitii
5. Dhagaa midhaan itti daakamu,
6. Buddena
7. Barreefama yeroo bareefamuu fi dubbifamu