Mootota Shanan Gibee

Biyyii Jimmaa jedhamu maqaa kana kan argatee maqaa gosaa Oromoo maccaa kannarraayi jedhama.Mootummaan shanan gibee dhuman jaarraa 17ffaa keessa hundeeffamee sirna gadaan hogganamuu ykn immoo buluu jalqabe.Xumura jaarraa kanarraa kaasee mootummaan shanan gibee hunda’e. Mootummaan shanan gibee jedhamuun kan beekamanu Limmuu Innaariyaa, Gumaay,Gommaa, Jimmaa fi Geeraa dha.

1.Limmuu,Innaariyaa
Seenaa mootummaan shanan gibee keessatti Limmuu Innaariyaa mootummaa shanan gibee isa angafaa fi isa jalqabaati. Seenaa namoota sirna mootummaa shanan gibee keessatti Limmuu Innaariyaa bulchan keessaa Buufoo Buukoo isa jalqabaatti. Buufoo Buukoon naannoo Kibba-lixaa limmuutti bakka Sayee jedhamuu jirataa ture. Buufoo Buukootti aansee immoo mootii Abbaa Gommool Limmuu bulchuu jalqaban, mootiin Abbaa Gammoo1 daangaa liimmuu murteessuun limmuun of-dandeessee akka hundeefotu gochuun mootii cimaa turan jedhama.Abbaa Gommool immoo ilmaa/mucaa isaanii Abbaa Boggiibootti/Ibsaa/akka dabarsaan seenaan ni ibsa.Abbaan Bogiboos seena Limmuu keessatti nageenya buusuudhaan mootii bayyee beekamoo dha.
2.Guumaay
Naannoo shanan gibeettii, seenaa mootummaan shanan gibee keessatti limmuuttii aansee mootummaa lammaffaa kan hundeeffatee Gumaay .wiirtuun bulchiinsaa Gumaay jaaraa 18ffaan dura haa hunde ¬hundeeffamuus ifatti bahe kan mirkanaa’ee bara 1802 tti. Jiilchaan ciiraa teessoo mootummaa isaa ciiraa godhate bulchu egale.Jiilchaan immoo teessoo isaa ciiraa godhate erga bulchu jalqabe booda, angoo isaa ilma isaa Oncheetti dabarsee kennee. Oncheen bara bulchiinsa isaa keessatti jabeenyaa isaatiin beekama ture Oncheen waraanaarratti bayyee cimaa fi sodaatamaa ture. Badii xiqqoodhaan tarkaanfii du’aa fudhata ture. Yeroo baayyee Gumaay jagnummaadhaan yaadatamas, beekamas,
3.Gommaa
Gommaan seenaa mootummaa shanan gibee keessatti mootummaa sadarkaa sadaffaan hundeeffamedha.  Bara kana keessa yeroo jalqabatiif amantiin Muslimaa amantii ummataa Gommaa hunda ta’e kan fudhatame.Naannoo Gomamatti jalqaba mootiin gosoota saglaniin filataman mootii Abbaa Bokkoo/okkee/ti.Yeroo mootiin abbaa Bokkoo du’aan ilmii isaanii abbaan Mannoo bakka bu’ani bulchuu jalqaban /1820-1840/ abbaan Mannoo mootii jalqabaa amantii Muslimaa Gommaatti seensisani dha.

4. Jimmaa
Bulchiinsa mootummaa Jimmaa jedhamu keessatti gosa Diggoo jedhamtuu yeroo jalqabaaf Maannaa keessatti kanqubate.Gosti Badii Foollaa keessatti naannoo Saqqaa keessa qubatan. Gosti Harsuu Dedoo keessa, Gosti Laaloo naannoo jireenii fi kan hafanis immoo naannoo Jimmaatti qubatan. Yeroo dheeraan booda jaarraa 18ffaa keessa gosooni Jimmaa keessatti argaman hundi babal’ata kan dhufan yemmuu ta’an, gosoota kanneen keessaa gosti Diggoo fi Badiin gosoota cima ta’anii beekaman.

Haa ta’uu malee jaarraa kana keessa gosoonnii saglan naannoo Jimmaa keessa jiranu bakka Ganjii jedhamutti walitti qabamanii gosa Diggoo keessaa mootummaa hundeessan.Mootiin jalqabaa Jimmaas Abbaa Faaroo/gaangillee Koobii/ filataman. Abbaan Faaroo erga filamanii booda bakka mijahaa filatanii teessoo isaanii Jireen irra godhatanii mana mootummaan keessa jiratuu Masaraa kan jedhamu ijaarsiisan. Masaraa kana keessattis mana murtii hundeessan.

Mootiin Jimmaa jalqaba mootiin Abbaa Faaroo erga du’anii ilma isaanii Abbaa Magaaltu bakka bu’anii mootummaa fudhatani bulchuu jalqaban. Seenaa mootummaa Jimmaa keessatti gosa Badii jedhamuu bittimsanii facaasanii ari’un kan beekaman mootiin Abbaa Magaal. Ummannii mootii Abbaa Magaal ummata baay’ee walii galuu fi hariiroo gaarii qabuu waan tureef haala salphaadhaan bakka hirmaataa jedhamu gosa Badii harkaa fudhatanii akka wiirtuu daldalaatti fayyadama turan.
Yeroo dheeraan booda mootiin abbaa Magaal duunaan/darbinan/ ilmii isaanii Sannaan mootummaa fudhatan.Sannaan maqaa ijoollummaa mootii Abbaa Jifaar. Mootiin Abbaa Jifaar mootii yeroo jalqabaatiif bulchiinsa mootummaa shanan gibee keessaatti mootummaan cimaa, seera-qabeessa fi qinda’aa ta’e hundeessuun kan beekamanuu dha.

Naannoo bara 1847 keessa bulchiinsii Jimmaa Abbaa Jifaar seena Oromoo keessatiis ta’ee seenaa Itoophiyaa keessatti kan bayyee beekamee fi ummannii isaa kan wali-galtee qabuu fi bulchiinsa dinqisiifamaa akka ture seenaan ifatti barreeffame jira.  Keessumattuu dinagdee, dippiloomaasii fi sooressuummaadhaan beekamaa dha. Dhuma irratti mootummaan shanan gibee jedhamuun kan waamamaa turan hundi isaanii bulchiinsa wiirtuu tokkoo irraa kennamuun ogganamaa turan. Magaallii teessoo mootummaa Abbaa Jifaarii fi wiirtuu daldalaa ta’uun bara 1822 hundoftee magaala Jimmaa ta’uudhaan hanga hadhaattii tajaajilaa jirti.

5.Geeraa
Naannoo Geeraa bulchaa kan turan haayyuu waraanaa kan ta’an nama Gunjii jedhamanii dha. Egaa mootiin Gunjii du’anii booda ilmi isaanii Tuulluu Gunjii bara 1827 keessa angoo qabatee bulchuu egale. Biyyootni mootummaa Geeraa daangeessan bahan Jimmaa, lixaan Kafaa, kabana Gommaa fi Guumaa yemmuu ta’an kibbaan laga Gojobiin daangeefama.Mootii Tuulluu biyyoota olla isaanii wajjiin rakkina waan qabaniif obbooleessi isaanii Abbaan Baasoo bakka bu’anii ummata Geeraa bulchaa turan.Mootummaan Geeraa bulchiinsa mootummaa shanan gibee keessatti mootummaa boodarraa hundeeffame akka ta’e seenaa mootummaan shanan gibee keessatti ibsameera.
Walumaagalatti waa’ee seenaa mootummaa shanan gibee yoo gadi fageenyaan ilaalle waan bal’atuu maxxanfama hata’u malee barulee Bunaa fi Nagaa kanaan gabaabinaan waan gabaabaa akka ka’umsaatti fayyadamuu dandeessuu.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s