Yaa biyya koo

Biyya koo  kan waan hunda qabdu

Bunni kee, garbuun kee,maali kan atii dhabdu

Bosona uumaman kan akkas miidhagduu

Onnee koo fudhattee kan najalaa badduu

 Jimmaa fi wallaga biyyaa buna qalaa

 Shawaa keessan deema biyyaa dhadhaaf damma

Harageen fulla’a biyya jaalalaaf, jimaa

Balee fi Arsii koo biya calla maraa

Gujii fi Boorana albuuda uumamaa

Hundamaa ni qabna kamii isaarran taraa?

Qillensaa mijjaawaa baddaaf badda daree

Gommiijjinis jiraa kamtu dhabameeree?

Hundaa biqilchitee hundaa jiraachiftee

Dacheen OROMIYAA ebbuma buuf taate

 Maddi: A.Fayyisa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s