Warri nagaa eegu Naguma eegani Warri nagaa beeku Naguma deeganii Naguma faarsanii Saan nagaa beekani Nagaan kan isaani Isaan deegsisani Warra nagaa sani Kan laalaa darbani Afaan maalin qaba silaa nan lallaba iyyee iyyesiiseen Amma baddaa deema Olis akkasuma Eenyuun birmatama? Kan saani waa lama Gurrat dubbii fila Yookaa immoo tuffiidha Gurraa jaraat hila Maddi: … Continue reading WARRA Nagaa
Month: May 2019
Jiruuf Jireenya Bara baridarbee onnee walqabatee Jireenya jijjiruuf garadhan onnate Barumsa baratee baratee fixate Hojii barbarchaatti kophee irra dhumtee Akkuma tahu tahee gaafa hojii argatu Wabii dhiyeeffachuu hojjatan rakkatu Guddini yoo dhufee sin ilaallatu Gandummaaf Firummaan dandeetii ol tahe Beekaan walallaa, walallaan beekaa tahe Anis dabaree koo ta’etum … Continue reading Walaloo Jireenya
Maqaansaa Li Ching Yuen jedhama. Dhalootan lammii Chaayinaa dha. Odeefannoo garaagara irrattii akka barreefamuutti Li Ching Yuen, bara 1677 A.L.A dhalatan. Garuu kanneen guyyaa dhalootasaa shakkan jiraatanis kan irratii walii galan Obbo. Li Ching Yuen lubbuu dheera jiraachusaati. Qorannoo gaha irratii xiyyeefatamee hojjetamu baatus odeefannoo bara 1930moota keessa akka barreefameetti nama umrii 256 kan jiraate … Continue reading Umurii Dheera Jiraachuu!!!!
Akka aadaa fi duudhaa ummata Oromootti bunni bakka gudda qaba. Oromoota kaabaa, kibbaa , dhihaa fi bahaa hundii dhimmaa bunaa irratti ilaalchi jiru tokko dha. Saba keenya biratti bunni dhugamuu irraan caala, hiikka guddaa qaba. Bunni dhugamuu irraan kan hafe jireenya hawaasa keessatti bakka guddaa qaba. Fakkenyaaf Yeroo cidhaa, yeroo gaddaa, yeroo gammachuu, yeroo … Continue reading Kootta Buna Dhugaa!
Mee har’aa immoo Hiibboo kenneni bohaara Utuu deebii hin ilaalin dursa deebi keessan kenna Hiibboo: Asii Yuusee laga gamattii nyaate. Hibboo: Galgalaa Facaaseen, ganama dhabe. Hiibboo: Ganamaa ol-deemti; galgalaa gad- deemti. HIIbboo : Ilmoon haadhaa keessaa baate, haadha dhiiti. Hiibboo: Ilmoon ni deemna jetti, haati in teenya jetit. Hiibboo: Lafee hin qabuu Ija hin … Continue reading Hiibboo
Gamoon ta’e dheerinaan 1ffaa biyya Arabaatti kan argamuu yemmuu ta’u maqaan isaa “ Burj Kalifa “ Jedhama. Gaarrii dheerinaan 1ffaan , Gaara Everest yemmuu ta’u Ardii Eshiiyaa keessatti argama Garrii dheerinaan Afrikaa kessaa 1ffaa ta’e gaara Kilimarjaaroo yemmuu ta’u dangaa biyyaa keniyaa fi Tanzaaniyaa giddutti argama. Langii dheerinaan sadarkaa 1ffaa qabatee laga Abbayaa ykn Nayliiti … Continue reading Mee waantota Adduunya keenya irratti bebbekamoo ta’an waliin waal baraa
Waraabessaa Dullomaa tokko fi ijoolle isaa wajjin waan nyaatan dhaban. Nannawwa isaani hunda keessa deddebi’anii barbaadan. Isaanis abdii isaani kutatanii gara mana isaanitti deebi’uuf ka’an. Laftis bari’uuf ga’ee ture. Karaa Irratti Harree tokko argatan, Isaanis harricha lafaan dhayan. Kana booda Waraabbessi inni abban ijoolle isaa ofirra ari’ee qofaa isaa nyaachuu jalqabe.Erga Nyaate quufe booda ilmaa … Continue reading Kan Qofaa Nyaatu, Qofaa du’a
Taphni kun goodinoota Oromiyaa adda addatti ijoollen kan taphatan yemmuu ta’u, yeroo baay’e maatii keessatti galgalaa galgalaa maatiin karaa itti ijoolle barsiisaniidha. Taphni” IBBANTEE” jedhamuu kun dandeetti ijoollen waan tokko yaadachuu isaani kan itti shaakalaniidha. Akkasumaas haawasni olla isaani miseensa maatii meeqa akka qabuu fi ijoolllee dhiiraa fi shaamaranii hangam akka qaban karaa ittin wal- … Continue reading Tapha Ijoollee:-
Biyyii Jimmaa jedhamu maqaa kana kan argatee maqaa gosaa Oromoo maccaa kannarraayi jedhama.Mootummaan shanan gibee dhuman jaarraa 17ffaa keessa hundeeffamee sirna gadaan hogganamuu ykn immoo buluu jalqabe.Xumura jaarraa kanarraa kaasee mootummaan shanan gibee hunda’e. Mootummaan shanan gibee jedhamuun kan beekamanu Limmuu Innaariyaa, Gumaay,Gommaa, Jimmaa fi Geeraa dha. 1.Limmuu,Innaariyaa Seenaa mootummaan shanan gibee keessatti Limmuu Innaariyaa … Continue reading Mootota Shanan Gibee
Biyya koo kan waan hunda qabdu Bunni kee, garbuun kee,maali kan atii dhabdu Bosona uumaman kan akkas miidhagduu Onnee koo fudhattee kan najalaa badduu Jimmaa fi wallaga biyyaa buna qalaa Shawaa keessan deema biyyaa dhadhaaf damma Harageen fulla’a biyya jaalalaaf, jimaa Balee fi Arsii koo biya calla maraa Gujii fi Boorana albuuda uumamaa Hundamaa ni … Continue reading Yaa biyya koo