Guyyaa tokko barsiisaan Herregaa tokko daree keessaattii osoo barsiisaa jiruu, baratootaa gaffii tokkoo gaffate. “Ro’oota 10 irraa 1 yoohir’isan meeqatuu hafaa?” jedhee gaffate. Barataan warraa isaaf horii fi ro’oota tiksuu tokkoo harka baase “ Homtuu hin hafan”Jedhee deebise. Barsiisichis, “ Akkamitti?” jedhee gaffate. Baratichis deebisee, yaa barsiisaa ani amala ro’oota keenyaa nan beeka, yoo tokkoon ishee deemte hundi isaani walbiraa hinhafan” jedhee jedhama.