Baacoo

Guyyaa tokko barsiisaan Herregaa tokko daree keessaattii osoo barsiisaa jiruu, baratootaa gaffii tokkoo gaffate. “Ro’oota 10 irraa 1 yoohir’isan meeqatuu hafaa?”  jedhee gaffate. Barataan warraa isaaf horii fi ro’oota tiksuu tokkoo harka baase “ Homtuu hin hafan”Jedhee deebise. Barsiisichis, “ Akkamitti?” jedhee gaffate. Baratichis  deebisee,  yaa barsiisaa ani amala ro’oota keenyaa nan beeka, yoo tokkoon … Continue reading Baacoo

Beekumsaa walii galaaf

Namootnii yeroo ykn sa'ati jalqabaaf yeroo fayyadamuu jalqabaan enyuu fi akkamitti akka ta’ee beektu?  Akka ragaan tokkoo tokko ibsutti yeroo jalqabaaf yeroo ykn sa’atii fayyadamuun kan jalqabamee dhaloota kiriistoos dura bara 1500 yemmu ta’u innis bishaan meeshatti naquun hangaa inni hir’achaa deemuu shallaguun ture. Maree egaa yeroo fayyadamuun waggoota 3000 duraa  ta’uus har’a isiin yeroo … Continue reading Beekumsaa walii galaaf

ABDIIN JIRA

Ilaalchi ofiif qabduu Maaf ta’a gad-anaa Sagaantaaf kayyoon kee Hin hafuu imaanan Haalota ilaaluun Ofbuufnaan hamilee Abdiin ati qabduu Dukanaan qabamee Nan danda’a jedhi Hamiile ofiif kenni Akka har’aa mitii Jira guyyaan borii!