Qaroo Dhiiga Boosse Boqonna tokko kutaa Lammaffaa

Mootii Mootummaa Abdiidhan

Qaroo Dhiiga Boosse Boqonna tokko kutaa Lammaffaa fi kan xumuraa …

Aadde Bashaatuunis akka obbo Liiban eyyama poolisiin arguu barbaadan eegduu mana hidhichaatti himan. Obboo Liibanis waaamicha maqaasaanii dhaggeeffatanii yeroo gadi ba’an, aadde Bashaatuun akka yeroo darbee gala isa har’a qofaa nyaatamu qofa fidanii hindhufne. Galaa borii, gala bor boriin duubaa galgala hinnyaatamne, imaanaa jireenyaa, Abdii egereesaaniitiin kan moggaafame, ilma galgala keessaa, ilma mararteen guddate…. Abdii wajjin dhufani galaa harkatti qabatanii dhaabataa jiru. 

Waan nita’a jedhanii hinshakkine hinyaadnetu ta’e. Galaa isaaniif dhufetu koosoo isaanitti fakkaate. Garaan kaleessa dheengadda dhalasaa utuu jaallatuu, utuu mararfatuu, lukasaa lamaan gidduu dhaabatee ciree, laaqana, kashataafi irbaata nyaachuu amaleeffate, har’a utuu hinyakkin yakkamaa ta’ee, utuu lubbuu namaa hinballeessin nama abaarame ta’ee maatiisaafi dhalasaatti garaa jabaatee utuu karaa eeguu baatiin irratti lakka’amaa jira. Har’a fedhiin isaa gara qoonqoo ta’uu dhiisee mar’immaantu walitti gudunfame. Huutuu isaatu ukkaamame, gororatu afaan guutee, akka dhallaadduu bishaan keessaa roqomaa sagalee ciccitaadhaan,” mu-mu- – – mucaakoo, dha-dhalakoo –    – Abdiikoo – – – Ab – diikoo, ijaanan si argee? Maalo, maaloo itti nadabarsaa yookaan anatti dabarsaa” waan haasa’anii waan dhiisan hinbeekan.

Inni beekanniyyuu akkas godhatee guddaafi xiqqaa afaan qabachiisaa jira. Daa’imni ol adeemaa immoo Abdiin akka inni guddatee dhiisutu wallaalame. Aa – – – aa – – – abbaa – koo; Uuh – – – Abaabuukoo – – – Abaabbiyyee – – – “akkuma abbaasaa argeen wixxifachuu eegale. Seerri maal akka ta’e hinbeeku, yoo wallaalaa ta’esimmoo haala inni keessa turetu isa wallaalchise maal maalummaa seeraa waan wallaale miti.

Poolisootni abbaafi ilma akkas walitti mararamanii wal-bira ga’uudhaaf sardaman kana gargar ittisee eegaa jira. Poolisiin inni tokkommoo aadde Bashaatuutti ija babaasaa, “nyaadhuu natty agarsiisi” jedhee nyaata dhufe waliin maksiisee mirkaneessaa jira. “Ati faffatuma faffati hamman nyaadhu anuu beekaa” jedhu obbo Liiban garaasaanii keessatti waa’een nyaataa itti mul’ataa hinjiru waa’ee Abdii malee. 

Abdiin utuma sagalee gadi qabatee boo’uu gara abbaasaatti siqataa dhufeera. Garuu poolisii tokkoofi muka akka mooraatti dhadhaabbatee jirutu isatti garaa jabaate. 

Itti utaalee harkasaa mirgaatiin gurra Abdii qabatee harka bitaadhaan al tokko kaballaadhaan joonjessee, dhiitichaan lafarraa ol bute. 

Aaddee Bashaatuun abbaan warraafi mucaasaanii utuu walitti boo’anii maraachaa jiranii ilaaltee bo’icha itti fufte. Namootni naannoo sana jiran tokko tokkos abbaafi ilmoo akka haadhaafi jabbii walitti mar’atanii boo’an ilaaluun garaansaanii gaddaan booji’ame. Utuu hinjaallatin imimmaan fuularra of dhangalaasan; kan boo’uu sodaatanis mallattoo gaddaa, hidhii xuuxaa of keessatti boo’u turan. Yeroon isaanii kenname dhumnaan poolisiin akka obbo Liiban oldeebi’an yoo itti himu, Abdiin immoo abbaasaa irraa gargar ba’uu jibbee yoo boo’u, “Anoo hingalu, anoo hin galu, anis asuman taa’a…. abbaakoo dhiisee hingalu” jedhee utuu boo’ee iyya kurree kutuu, abbaansaas utuu Abdiikoo jedhuu, Abdiin immoo utuu abbaa koo jedhuu, poolisiin inni tokko hamma mooraa keessaa gadi baasutti Abdii utuu tumuu, lafarra gototuu boo’icharratti boo’icha dabaleefii hari’ee baase. 

Garaan haadhaa silaa dhalasheetiif utuu beekuu gowwaa ta’aa miilla poolisichaatti kuftee kadhattee, “adaraa gooftaakoo, adaraa mootiikoo, biyyoo siif baadhe mucaa koo hinreebin, aniyyuu fuudheen gala” jettee kadhataa jirti.

Poolisichis “tokko hintolleen budaa lakkuu deessi” deema sii… na hinqabin… siqi anarraa, sitti himeera, sitti himeera deemi narraa …. Waan meeqaan utuu arrabsuu, battalumatti aaddee Bashaatuuyyuu dhiitee dugdaan galagalche. 

Abdiin bakka harmeensaa kufanii ciisanitti irratti lafa dha’ee, sagalee guddaadhaan “harmeekoo, ka’ikaa, hindeemnaa – – –  harmeekoo jedhee kadhataa jira. 

Aadde Bashaatuunis sagalee miira of dadhabaa suuta jedhanii “Ani fayyaadha dhalakoo” jedhanii akka gatantaruu ta’anii lafaa ol ka’an. Lamaan isaaniiyyuu rukuttaafi mudannoo isaan quunname otoo wal gaggaafatanii karaarra bu’an. Xinnoo deemanii naannoo mana hidhaarraa osoo hinfagaatin gara dugdasaanii duubaan kallattii mana hidhaatiin wacni guddaan dhaga’amaa jira. 

Sagaleen wacaafi reebichaa gara mooraa mana hidhaa keessaa gara gurrasaaniitti dhangala’e. Aaddee Bashaatuun dubbicha dhokfachuudhaaf Abdii jajjabees sanillee, Abdiin garuu “Abbaa kootu mana hidhaa keessatti reebamaa jira” jedheenii bo’icha eegale.

Aaddee Bashaatuun dhibee kale duraan qaban irratti kaballaafi dhiiticha irra ga’een deemsa karaa fagoo dabalatee har’as dhukkubbiin itti dhaga’amuu eegale. 

Yeroo silaa dhaabatee nama hineeguu, aduun gara dhihuu geesseetti. Kanaaf dirqama bakka bulan barbaadachuutti qajeelan. Akka garaa harki hinhodhuu, sababa bor mana hidhaa buufata poolisii aanaa Gindabarat magaalaa Kaachisee deemanii ilma isaanii Taliilaas dubbisaniif malee utuu gara qe’ee isaaniitti galanii baay’ee gammadu turan. 

Kan qomarra isaan taa’aa jirummoo mucaa daa’ima isaan manaa fudhatanii dhufaidha. Abdiin, ‘bakka Taliilaan jirutti nageessi” jedhee boo’aa jira.

Bakki obbo Liiban hidhamanii jiraniifi ilmi isaanii Taliilaan hidhamee jiru fageenya miillaan daqiiqa 15 ta’a Haata’u malee yoo dhaqanis akka argachuu hindandeenye beekanii bor ganama akka dhaqan murteessan.

Halkan tokko jaarraa tokko isaanitti ta’e; taa’anii dudub batu, hidhii xuuxu, nigaddu, haati dhalaa garaan ishee akka raatuu rom’aa utuu akka maraatuu odeessaa bultee, mana keessa fiigaa bultee, dararama guddaa irra ga’aa jiru kanaaf utuu sabbata mudhiisheen of rarraaftee, of galaafattee mar’immaan ishee niboqota ture. Garuu Abdii dhoksuuf gola garaa ishee keessatti ibidda yaadaan bobaatee gubatti.

Utuu takka teessee takka ciiftuu, boraatii fuutee mataashee jala kaawwattee keenyaan manaatti hirkattee boossuu halkan walakkeessa ta’e. Ijoolleeniifi maqaan ganama waccee guyyaa wacatti akkuma jedhan, Abdiin deemsa karaa dheeraa deemee dhufe irratti reebichaafi boo’icha mataa isaa cabsee jennaan, galgalumaan “mataa kootu nabowwaafata jedhee gadi ciise. Bakka rafuu utuu hinga ragalin indaanqooniyyuu eegalte. Aadd Bashaatuun garuu utuu baalleen ija ishee walirra hinbu’in, utuu miixattuu lafti bari’e. 

Taliilaanis mana hidhaa buufata poolisii magaalaa kaachisii keessa jira. Poolisootni mana hidhichaa eeganis dubbii afaan keessa nama barbaadanii, nama dubbachiisanii, kaballaafi dhiitichaan nama yaabbatu. Taliilaanis lafeen dugda isaa kophee poolisii “ kubur zabanyaan” bullaa’ee akka bofaa garaadhaan lafa ciisa. Ol jedhee hindeemu. Hirreen harkasaa wadarootiin hidhamee, dugda duubbatti cabsamee, wadaroon irree isaa nyaatee foon seeneera.

Halkan tokko wadaroo dugdasaa irraa achi qaxxaamuree harkasaa walitti hidhee jirutti wadaroo kan biraan hidha nii, wadaricha ol fannisanii, Taliilaa Waaqaafi lafa gidduutti rarraasanii reebanii, wadaroon isa fannisee jiru citnaan ol deebisanii fannisaanii reebicha ittuma fufan. Haalli jibbisiisaan Taliilaarra ga’e kun kan Hagarii Tulluurra ga’ee wajjin wal-fakkaata yoo jedhan nama hinsobsiisu. 

Lafti bariinaan Aadde Bashaatuun, Abdii hirribarraa kaasanii gara mana hidhaa buufata poolisii magaalaa deeman. Eegdonni mana hidhichaa gaafa sana eegaa turan, yoo ija isaanii hubannoodhaan ilaaloniif iji poolisoota kanaa diimatee ija kormaa indaanqoo fakkaata. Dabareen har’aa mana hidhichaa eegaa jiran poolisii Dammallaash Cannaqeefi poolisii Mul’ataa Dheeressaa turan.

“Aanchii” maaliif dufte” – – –  Dammallaash 

“Ilmakoo Taliilaan dubbisuu dhufe naaf waamuu hindan – deessanii? “- – –  Aadde Bashaatuu 

“Ayihonim, dukkubaa jira deemi asii”  – – – Dammallaash

“Maaloo, maal ta’e? Utuma lubbuun keessa jiruu gadi naaf baasaa ija kootinan argaa – – – uu” … Aaddee Bashaatuu. 

“Hiji kezi … sinan jedhaam” …Dammallaash ….

“Wayyoo…. Ooh …. Mucaakoo utuu siindarbin darbitee? Sidubbisuu dhufeen si dhabee, uu… uu” –waan ilmi isaanii du’ee jennaan poolisiin kun isaan dhoksaa jiru isaanitti fakkaate. Sababnisaa obboleessi isaanii Biqilaan baatii muraasa dura balaa hamaa mana hidhaatti irra ga’een lubbuun isaa darbeera. Kana qofas utuu hintaane, reeffihidhmtootaa guyyaa guyyaadhaan mana hidhicha keessaa ba’aa akka oolu waan beekaniif, mucaakoos akkuma isaan kana ta’e jedhanii hirqifatanii boo’aa jiru. 

“Harmee Akkamitti gadi hindhufuu” … Dammallaash 

“Eeyyee! Chiggirii qaba”…. Dammallaash

“Maaloo maaloo …al tokko qofa fuula isaa anatti agarsiisaa” … Aadde Bashaatuu.” Harmee … Taliilaan hindu’ee’ii?”….. Abdii….

“Hinduune, dhala koo, hinduune”…. Aadde Bashaatuu 

“Ihii …. Maaliif gadi hinbaasaniree?” …. Abdii

“Ani maalin beekaa mucaakoo” … Aadde Bashaatu. Garaa kutatanii utuma walitti hasa’anii boo’icha eegalan. Yeroo kana Dammallaashiifi Mul’ataan immoo wal-qabachuuf ija walitti babaasaa jiru. Niba’a hinba’uudhaaf mataa walii cabsaa jiru, walitti falmu.

Utuu dhaabatanii wal-falmanii hoogganaan isaanii koloneel Tasfayye G/Igzaabeer itti dhufee rakkina uumame kana yoo gaafatu, Mul’ataan Taliilaa gadi baasee qabee dhaabataa jira. Hidhamtootni kan biraanis Mul’ataa gargaaranii qabanii dhaabataa jiru. Sababiin isaa Taliilaan of danda’ee dhaabataa hinjiru. 

Tasfayeenis, “hidhannoo Mul’ataarraa hiikiitii lamaan isaanii mana hidhaa galchi” jedhee Afaan amaariffaan Dammallaashitti hime. Aadde Bashaatuun ilma ishee reeffuu ijaan argaa jirti malee garaa guutuudhaan itti hinhaasofne. Amma immoo erga Dammallaash qabee darbatee mana hidhaa keessa buusee, isa duraan of baranii imimmaan fuula irraa qoorfataa jiran irraa deebi’anii boo’uu eegalan. Nyaata fidanii dhufanillee utuu hinkenniniif isaan harkatti hafe. Garaa haadhaatu itti jabaate otoo hintaane garaa Tasfaayeefi Dammallaash.      

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s