Duudhaalee eenyummaa
Mallattoo Oromummaa
Faaya aadaa qabnu
Kan itti midhaagnu
Uffata aadaa
Halluu babbareedaa
Walirraan uffannee
Gammachuu goonfannee
Adaa keenyaan ifnee
Fagootti mul’annee
Kolfinee gammannee
Gamtaan wal waamannee
Tokkummaan jiraannaa
Yoomiin waldagannee
Haraarraas wal eegnaa
Argaa! Simboo keenya
*********
Huseen Curraa 2013