Guyaan Addunyaa kan Dubartootaa waggawaggaatti Bitootessa 8 tti kabajama. Guyyaa kana biyyootni addunyaa baayeen milkaa’ina ajaa’ibaa kan dubartootaa jireenya keessatti bifa adda addaatiin argame kabaju. Bu’aa jireenya keessaa qofa osoo hinn taane hawaasaa keessatti gumaacha guddaa isaa argamsiisanis ni kabaju. Kana malees guyyaan kun dubartoontni dandeettii isaaniitti akka fayyadaman kan dandeessisu guyyaa walqixximmaa koorniyaa addunyaatti mirkaneessuuf tarkaanffii fudhachuu qabnu itti dhimminee kaanu dha.

Guyaan addunyaa kan dubartootaa Itiyophiyaa keessatti dhiheenya kana siyaasa lafa sochoose caalaatti biyyi itti ibsame hin jiru. Onkoloolessa bara 2018 tti gaazexootni addunyaa – tokko tokko dinqifannaadhaan, kanneen biroo immo naasuudhaan – Pirezidaantiin Itiyophiyaa Abiyyi Ahimad kaabinee keessatti %50 dubartootaa taasisuu isaanii ibsaniiru. Kun takkaaa iyyuu hin ta’ee hin beekamu jedhan. Hanga kanatti Itiyophiyaa keessatti dubartootni mullifanii hin beekani; bakkeen xixiqqoo qabu turani. Kunhundi amma jijjiiramee jira.
Guyyaan Addunyaa kan Dubartootaa biyyaa Rusiyaa kan Gamtaa Soviyeet jedhamaa turte keessatti bara 1917 kabajamuu jalqabee sana booda guyyaa guutuu biyyaatti kabajamuu ta’ee dubartootni mirga filannoo keessatti hirmaachuu argatan. Ameerikaa (USA) keessatti kan kabajamuu jalqabe bara 1975 ture.
Ijoon dhimma kabajama guyyaa kanaa kan bara kanaa (2019) #fooyyeefmadaaluu jedha. Madaala fooyyessuu; addunyaa fooyyessuu. Dubartoota bakka hunda jiran waliin baabsuu kee mullisuuf halluu diimaa fagagaa (purple) itti fayyadami. Kana juechuun maal jechuu akka ta’e kana keessa seenii hubadhu https://www.internationalwomensday.com/Theme kan gochuudhaan addunyaa bakka fooyyofte akka taatutti gumaata kee mullisi.

Jijjiirama dhugaaf ‘eeyye’ haa jennu!